Fana: At a Speed of Life!

Oomaar Artaan tapha xumuraa Waancaa suuppar Kaappii Awurooppaa akka taphachiisu filatame

Finfinnee,Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Lammiin Somaaliyaa gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkame Abbaan murtii kubbaa miilaa Oomaar Artaan tapha xumuraa Waancaa suuppar Kaappii Awurooppaa akka taphachiisu filatameera.

Dargaggeessi umrii waggaa 34 Oomaar Artaan tapha Waancaa Addunyaa 23ffaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan akka taphachiisan filatamanii turan.

Haa ta’uutii Ameerikaan Oomar Artaan gara biyya ishee akka hin seenne dhorkuun kan yaadatamuudha.

Oomaar Artaan tapha xumuraa Waancaa Suuppar Kaappii PSG fi Astoon Viilaa gidduutti taphatamu akka taphachiinsan filatamaniiru.
Abbaan murtii kun gara Ameerikaa akka hin seenne dhorkamuu hordofee wayita gara biyya isaa deebi’an simannaan gootaa taasifameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.