Waancaa Addunyaan har’a Kaanaadaan Boosiniyaa waliin taphatti
Finfinnee,Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Taphoota Waancaa Addunyaa 23ffaan oolmaa guyyaa 2ffaan har’a Kaanaadaan Boosiniyaa waliin taphatti.
Taphni kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Tooroontootti taphatama.
Biyyoonni lamaan waltajjii idil addunyaarratti yeroo jalqabaaf waliin taphatu.
Akkasuma halkan gara barii sa’aatii 10:00 jalqabee Ameerikaan Paaraaguwaay waliin morkatti.
Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 9 keessaa Ameerikaan yeroo 5 yoo injifattu, Paaraaguwaay si’a 2 injifachuun, taphoota 2 ammoo qabxii qoodataniiru.
Tapha barii kana taphatameen Kooriyaan Kibbaa galchii 2 fi 1’n Rippaablika Cheek injifatteerti.
#Oromia #Ethiopia