Fana: At a Speed of Life!

Ashaaraa Magariisa, Mallattoo Itiyoophiyaa…

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan dinagdee faalama kaarbonii irraa walaba ta’e akka ijaartuufi fayyadamtuu misooma magariisaa idil-addunyaa akka taatuuf sagantaan Ashaaraa Magariisaa gahee guddaa taphachaa jira.

Sagantaan Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimadiin jalqabame kun, qabeenya uumamaa kunuunsuudhaan dhibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu bira darbee, wabii nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha.

Duulli biyyaalessaa biqiltuu dhaabuu maqaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti ol kasee argisiisuun, misooma waloo fi hariiroo biyyoota ollaa waliin jiru cimseera.

Sagantichi dhiqama biyyee ittisuu malees, biqiltuuwwan oomishaalee nyaataa kennan dhaabuudhaan faayidaa dinagdee irratti xiyyeeffateera.

Marii dippilomaasii keessattis sagantichi waltajjii idil-addunyaatti beekamtii fi fudhatama argateera.

Itiyoophiyaan ofirra dabartee biyyoota ollaatiif biqiltuu kennuun, dhaabuun fi muuxannoo qooduun hidhata jiru cimsuuf hojjechaa jirti.

Kana irraa ka’uun Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa (FAO’n) sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaatiif damee bulchiinsaa fi ittifayyadama bosona waaraa jedhuun beekamtii kennuun ni yaadatama.

Biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun mataan isaa ulaagaalee beekamtichaa keessaa isa tokko yoo ta’u, biyyonni hedduun muuxannoo kana Itiyoophiyaa irraa fudhachuuf fedhii argisiisaniiru.

Sagantichi erga jalqabamee kaasee haalli itti geggeeffame, gumaachi inni uumama naannoo addunyaatiif gumaache fi hirmaannaan dammaqaan uummataa ilaalamee badhaasaa fi beekamtiif akka ga’u ta’eera.

Itiyoophiyaan karaa sagantaa kanaan rakkoo jijjiirama qilleensaa hubachuudhaan furmaata fiduu keessatti tajaajiltuu adda duree ta’uu dandeessetti.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaloota kan dabalatu, biyya irra darbee Afriikaa fi addunyaaf gumaacha guddaa qabaachuu isaa ibsaa turaniiru.

Beekamtiin idil-addunyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif kennames Itiyoophiyaan gara fuulduraatti hojiiwwan misoomaa hojjettuuf humna dabalataa ta’a.

Ashaaraan Magariisaa dhalootaaf biyya wayyitu fi mijattu ijaaruu ajandaa godhate waan ta’eef, lammiin hundi dammaqinaan hirmaachaa jira.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeen

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.