Mariin Biyaalessaa Adoolessa 8, 2018 Gaggeeffama – Komiishinicha
Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Mariin biyaalessaa Adoolessa 8, 2018 gaggeeffama jedhe Komiishiniin Marii Biyaalessaa Itiyoophiyaa.
Komiishinichi gaggeeffama marii biyaalessaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti ibsa kenneera.
Komiishinarri Komiishinichaa Pirofeesar Masfin Ar’aayaa akka ibsanitti, komiishinichi yeroo darbe keessa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hundatti hojii ajandaa walitti qabuu xumureera.
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia