Hawaasni addunyaa sochi farra nageenyaa ABUT balaaleffachuu qaba – Pr. Kindayaa Gabirahiywat
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018(FBC) – Gareen duraanii ABUT bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay fonqolchuun walitti bbu’iinsaa fi jeequmsa malee jiraachuu akka hindandeenye argisiisa jedhan Itti gaafatamaa Sekireeyeriyaatii Kaabinee Bulchiinsa yeroo Tigiraay kan jalqabaa kan turan Pirofeesar Kindiyaa Gabirahiywat.
Pirofeesar Kindiyaan mootummooleen biyyoota addaa addaa, dhaabbileen fi tumsitoomni misoomaa naannawaa, ardii fi idil addunyaa garee adeemsa nagaa naannoo Tigiraay gufachiisu irratti ejjennoo cimaa fi ifa ta’e akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.
Mootummaan Federaalaa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa eegsisuuf obsi guddaan argisiise kan jajamu ta’uus kaasaniiru.
Mootummaan Federaalaa deebisanii ijaaruu fi bulchiinsa siyaasaan
waliigaltee nageenyaa kabajchiisuuf irra deddeebi’uun yaalaa turus, gareen fiinxaleessii ABUT duraanii gufachiisaa turuu hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa kanas uummanni naannoo Tigraay yaalii waraanaa cimsee mormaa akka jiru eeranii, gareen fiinxaleessi kun garuu uummata lamuu waraanatti galchuuf yaalaa akka jiru ibsaniiru.
Gareen Kaaba Itiyoophiyaatti rakkoo uumuuf socho’u kun bulchiinsa yeroo naannichaa fonqolchuun walitti bu’iinsa malee jiraachuu akka hindandeenyee fi seer-maleessummaa isaa qabatamaan akka mul’ise dubbataniiru.
Yeroo ammaas bakkeewwan adda addaatti dargaggoota dirqiin haree waraanatti galchuuf rakkisaa akka jiru dubbataniiru.
Dhimmoonni siyaasaa, bulchiinsaa fi kanaan walqabatan karaa maree, heera mootummaa fi diimokiraatawaa ta’een malee hiikamuu akka hindandeenyes hubachiisaniiru.
Naannoon Tigiraay waraana waggootaan dura naannichatti geggeeffameen miidhaa hawaasummaa fi dinagdee qaqqabe irraa utuu hin bayyaannatin walitti bu’iinsa kan biraa baachuu akka hindandeenyes eeraniiru.
Humnoonni farreen nagaa baandoonni biyya keessaa fi diinonni biyyoota alaa nagaa Itiyoophiyaa jeequuf qindoomina maqaa ”Tsimdoo” jedhamuun mogga’en sochii gantummaa geggeessaa akka jiran kaasaniiru.
Sochiin badiinsaa kunis jeequmsa nageenyaa nannawichatti waan uumuuf hawaasni idil addunyaa balaaleffachuu akka qabu dhaamuu isaanii TOI’n gabaaseera.
kanaafis mootummoonni, dhaabbileen naannawaa, ardii fi idil addunyaa adeemsa nagaa gufachiisuuf deemsa deemamu kana balaaleffachuu fi ejjennoo cimaa fudhachuu akka qaban hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia