Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu hojii guddaa Afriikaanis akka dandeessu addunyaatti ittiin argisiisnuudha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2018 (FMC) – Minisitirri Mummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu pirojeektii guddaa Itiyoophiyaa qofa osoo hintaane Afriikaanis yaaduu, karoorsuu fi hojjechuu akka dandeessu addunyaatti ittiin argisiisnuudha jedhan.
Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa pirojeektii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu daawwataniiru.
Dooktar Abiy wayita kana ibsa kennaniin, pirojeektichi seenaa Itiyoophiyaa keessatti isa guddaa fi qabeenya itti ba’uu fi maashinaroota sochoosuun sadarkaa Afriikaattis isa duraati jedhan.
Biyyoota baay’eettis ta’e Afrikaatti yaadnii hojii fi qabeenyi yoo jiraatellee, rakkoon gaggeessummaa piroojektii waan jiruuf pirojeektonni yoom jalqabamanii yoom akka xumuramanii fi akkamitti akka to’ataman ilaalchisee hubannoo gahaan akka hin jirre eeranii, barmaata boodatti hafaa kana garuu amma pirojeektii Buufata Xiyyaaraa bishooftuun jijjiiruun akka danda’ame kaasaniiru.
Yeroo ammaa kanatti pirojeekticha keessa hojjettoonni kuma saddeetii ol akka jiran, maashinaroonni fi konkolaattonni hanga kuma afurii ga’an raadiyaasii kiilomeetira 30 keessatti halkanii fi guyyaa akka socho’an ibsaniiru.
Sochiin piroojektichaa akka sochii magaalaa xiiqqoo tokkooti kan jedhan Dooktar Abiy, maashinaroota kanaaf guyyaatti boba’aa liitira kuma 600fi kuma 50 ol, guyyoota 10 keessatti ammoo boba’aan liitirri miiliyoona 6.5 hanga miiliyoona 7 faayidaarra akka oolu ibsaniiru.
Sirni ammayyaa boba’aa, maashinerootaa fi konkolaattota ga’umsaan keessummeessu diriirfamuus addeessaniiru.
Pirojeektii guddaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti isa jalqabaa ta’e kana milkiidhaan gaggeessuudhaaf sirna to’annoo sochii konkolaattota kuma afurii guyyaa guyyaan giddugala to’annoo, daashboordii fi teeknoolojii dirooniitiin gargaaramuun keessummeessuuf gargaaru hubachuun gaggeessitootaaf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Jalqaba pirojeektichaa irratti baay’onni ilaalcha, ”Hin dandeessan, maallaqnis hin argamu, hojii kana gaggeessuun isiniif hin ta’u, maaliif yaaddu?” jedhu qabaachaa akka turan yaadachiisanii, nuti ammoo ni dandeenya; nuuf mala jechaa jirra; eenyu akka mo’atu yeroon yoo ga’u ni argina jechuun dubbataniiru.
Pirojeektichi akka warra kanaan duraa osoo hintaane hordoffii olaanaadhaan kan gaggeeffamu waan ta’eef, yeroo jenne keessatti ni xumurra jechuun mirkaneessaniiru.
Sosinnaa Alamaayyootiin
#Oromia #Ethiopia