Fana: At a Speed of Life!

Afriikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo dhaabbataa akka argattu Raashaan ni deeggarti – Sargey Laavroov

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Afriikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii (UN) keessaa teessoo dhaabbataa akka argattuuf Raashaan ni deggerti jedhan Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Sargey Laavroov.

Sargey Laavroov daawwannaa hojiif kaleessa Finfinnee kan galan yoo ta’u, Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa Mohaamuud Alii Yuusuf waliin mariyataniiru.

Qaamonni lachuu hariiroon Afriikaa fi Raashaa kabaja birmadummaa fi faayidaa waloo irratti bu’uurefame dhimmoota itti fufuun cimuu qaban irratti mari’ataniiru.

Mohaamuud Alii Yuusuf yeroo kanatti,  hirmaannaan Raashaan investimentii Afriikaa keessatti taasisaa jirtu dabalaa dhufuu ibsuun, deggarsa isheen dameewwan gargaarsa namoomaa, fayyaa, barnoota, wabii nyaataa fi ijaarsa dandeettii irratti taasiftu dinqisiifataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Raashaa Sargeey Laavroov gama isaaniitiin, Afriikaan Mana Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii keessatti teessoo dhaabbataa akka qabaattuuf biyyi isaanii aka deggertu mirkaneessaniiru.

Guddina diinagdee Afriikaan agarsiiste kan dinqisiifatan ministirichi, Raashaan oomishaalee qonnaa fi qabeenya albuudaa Afriikaa irratti sona dabaluuf carraaqqii taasifamu akka deeggartu mirkaneessaniiru.

Dabalataanis, Eejansii Dhimma Namoomaa Afriikaa fi Eejansii Qorichaa Afriikaa dabalatee, caasaaleen dhaabbatummaa haaran Gamtaa Afriikaa akka cimaniif deeggarsa akka gootus mirkaneessaniiru.

Mariichaan qaamoleen lamaan michummaa tarsiimawaa Raashaa fi Afrikaa cimsuuf, akkasumas yaa’iin 3ffaa Raashaa-Afrikaa ji’a Onkoloolessaa dhufu gaggeeffamu milkiin akka xumuramuuf waliigaluu isaanii ragaan Gamticha irraa argame ni agarsiisa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.