Fana: At a Speed of Life!

Sigiga lafaa Chaayinaatti mudateen lubbuun namoota 21 darbe

Finfinnee, Adoolessa 1, 2018 (FMC) – Kaaba Lixa Chaayinaatti sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 21 darbe.

Balaa sigiga lafaa kutaa bulchiinsa Gaansuu magaalaa Loonginaatti mudateen namoota miidhan irra qaqqabe 33 keessaa namoonni 21 lubbuun darbuu ibsame.

Hojii lubbuu baraaruu hojjetameen namoonni 12 ammoo lubbuun ooluu CCTV’n gabaaseera.

Sigigni lafaa kun sababa akkaamiin akka mudate hanga ammaatti wanti barame hin jiru jedhame.

Tigist Getaachoon

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.