Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo Ameerikaa fi Iraan dhumateera – Pireezidaanti Tiraampi

Finfinnee, Adoolessa 1, 2018 (FMC) – Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo Ameerikaa fi Iraan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi.

Pireezidaanti Tiraampi yaa’ii NATO Turkiitti gaggeeffamaa jiruurratti yaada kennaniin, ammaan booda hoggantoonni Iraan waliin walitti dhufuu hin fedhu’ jedhan.

Ani akkan yaadutti waliigaltichi dhumateera isaan waliin mari’achuun yeroo gubuudha jechuun ibsan.

Tiraampi Bulchiinsi Iraan amma jiru hamoo, bulchiinsa maraatuuti jechuun arrabsan.
Akkasumas haleellaa Kuweetii fi Baahireen irratti raawwate akka fakkeenyaatti eeran.

Mariin biyyoonni lamaan eegalan itti fufuu akka hin dandeenye kan eeran, Pireezidaanti Tiraampi, kun yeroo gubuun ala bu’aan argamsiisu hin jiru jedhan.

Iraan gama isheen Ameerikaan waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti mallattaa’e cabsite jechuun himatte.

Barri doorsisaafi sodaachisoo darbeera jette Iraan.

Erga Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu dhumate jedhanii booda gatiin boba’aa dabaleera.

Iraan Dooniwwan Boba’aa fe’an sadi ulaa Hormuuz keessatti haleeluu hordofee Ameerikaan bakkeewwa qiyyeeffannaa Iraan 80 olirratti haleellaa raawwatte.

Iraan ammoo deebii isaaf moorawwan Waraanaa Ameerikaa naannawaa Bahireenii fi Kuweetiitti argamu haleeluu BBC’n gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.