Fana: At a Speed of Life!

Mojtaabaa Kaamenii gumaa abbaa isaanii baasuuf dhaadatan

Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC) – Hogganaan Ololaa haaraan Iraan, Ayyaatolaah Mojtaabaa Kaameniiy, gumaa abbaa isaanii Alii Kaameniiy baasuun fedhii uummata Iraan hundaati jechuun, tarkaanfiin halloo ba’uu akka fudhatamu beeksisaniiru.

Mojtaabaa Kaamenii awwaalcha abbaa isaanii raawwatamuu hordofuun ergaa dabarsaniin; seeraan ala lubbuu namoota qulqulluu kan ballessan, yakkamtoota ulfina hinqabne haalloo ba’uuf waadaa galla jedhan.

Sirni gaggeessaa torban tokkoof adeemsifamaa ture xumuramee, sirni awwaalcha hogganaa duraanii Iraan raawwatameera.

Humni Ameerikaa fi Israa’el haleellaa Iraan irratti raawwataniin Alii Kaamenii ajjeefamuu isaanii hordofee, Iraan tarkaanfiiwwan haalloo ba’iinsaa walitti fufinsaan fudhachaa turuun ni yaadatama.

Gama biraatiin, Iraan Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp ajjeesuuf karoora haaraa baasuu ishee kan agarsiisu odeeffannoon akka qaqqabe, Israa’el dhiheenya kana odeeffannoo nageenyaa Ameerikaadhaaf qooduun ishee gabaasotaan eerameera.

Kana hordofuun, Pirezidaantii Traamp fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin yoo Iraan yaalii ajjeechaa raawwatte, miisaa’eloota kumaatamaan lakkaawwaman Iraan irratti akka furguggisan akeekkachiisuu isaanii gabaasni Anaadooluu agarsiiseera.

Teeraan fi Waashingitan waraanni fuula hundaarratti geggeeffamu hatattamaan akka dhaabbatu, uggurri humna galaanaa Ameerikaan Iraan irra keesse akka ka’u fi Ulaan Hormuuz akka banamu waliigaltee dandeessisu mallatteessanii turan.

Haa ta’u malee, ulaa Hormuuz keessaan dooniiwwan daldalaa darban irratti haleellaa raawwatameen, waraanni gareewwan lamaan gidduutti qabbanaa’ee ture lammata hammaachaa dhufuun isaa ni beekama.

Walga’ii NATO Turkitti gaggeeffame irratti kan argaman Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Traamp, waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan waliin taasifame xumurameera jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.