Gaaffiin Afrikaan Mana Maree Nageenyaatti teessoo argachuuf kaastu haqa qabeessa – Pireezidaantii Ajarbaajaan
Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC)- Gaaffiin Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanitti teessoo argachuuf kaastu haqa qabeessa jedhan Pireezidaantiin Azarbaajaan Ilihaam Aliiyeev.
Fooramiin Miidiyaa idil addunyaa 4ffaa Shuushaa mata duree “Gahee Miidiyaalee Nageenyaa fi Wal amantaa deebisuuf” jedhuun Azarbaajaan Magaalaa Shuushaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Pireezidaantiin Ajarbaajaan fooramicharratti ergaa dabarsaniin, Mootummoonni Gamtoomanii hirmaachiisaa fi hammataa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo dhaabbii argachuuf gaaffiin dhiyeessitu haqa qabeessaa fi barbaachiisaa ta’uu kaasaniiru.
Qaamooleen sagalee sagaleen kuffisuuf mirga qaban mana marichaa keesssatti yoo hin hammatamne walitti bu’iinsa furuufi hariiroo idil addunyaarratti dhiibbaa uumaa itti fufas jedhan.
Hariiroon Ajarbaajaan biyyoota Afrikaa walin qabdu cimaa dhufuus dubbataniiru.
Fooramicharratti hirmaattoonni 160 biyyoota 53 irraa walitti babba’an, bakka Bu’oonni miidiyaalee 30, dhaabbileen Miidiyaa 60 akkasumas dhaabbileen qorannoo fi qo’annoo 10 hirmaachaa jiru.
Misikkir Sinaafiqitu gabaase.