Ameerikaan xiyyaara waraanaa B-1 fayyadamuun Iraan haleelte
Finfinnee, Adoolessa 16, 2018 (FMC) – Ameerikaan yeroo jalqabaaf xiyyaara waraanaa fageenya dheeraa imaluu danda’u kan B-1 jedhamu fayyadamuun Iraan irratti haleellaa raawwachuu ishee qondaaltonni Ameerikaa ibsan.
Xiyyaarri B-1 kun buufata waraanaa Ameerikaa Biriiteen irraa ka’uun buufata waraanaa Humnoota Eegumsaa Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) irratti haleellaa raawwachuu BBC’n miidiyaa Ameerikaa ‘Axios’ jedhamu wabeeffachuun gabaasera.
Xiyyaarri B-1 bomboota guguddoo 24 yookaan misaa’eloota “cruise” jedhaman hedduu baachuu kan danda’udha.
Fayyadamni xiyyaarichaa duulli waraanaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeessaa jirtu akka caalaatti babal’atu agarsiisa jedhu qondaaltonni.
Waraanni Ameerikaa ibsa isaa keessatti xiyyaara B-1 fayyadamuu isaa hin kaasne.
Haa ta’u malee, haleellaan kun humna waraana Iraan barbadeessu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibse.
Kaayyoon isaa ammoo humna Iraan doonii daldalaa ulaa Hormuuz qaxxamuran sodaachisuu fi haleeluuf qabdu dadhabsiisuudha.
Iraan hanga ammaatti ejjennoo ishee ulaa Hormuuz irratti hin jijjiirre.
Buufatawwan waraanaa Ameerikaa naannicha jiran haleeluus itti fufteetti.
#Oromia #Ethiopia