Fana: At a Speed of Life!

Laaboraatooriin ammayyaa Teeknooloojii Raayyaa Ittisaaf Boqonnaa haaraa banu

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC)- Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisaa damee barnootaa, qorannoo fi teeknooloojiitiin boqonnaa haaraa kan banu, laaboraatoorii qorannoo olaanaa eebbisiiseera.

Laaboraatooriin eebbifame kun teeknooloojii yeroon barbaadu kan hidhate ta’uu fi damee qorannoo fi qo’annootiin gahee olaanaa bahachaa kan jiru dandeettii Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uun ibsameera.

Laaboraatoorichi irra jireessaan Barnoota Raayyaan, qorannoo Saayinsaawaa fi kalaqa teeknooloojii ta’uun giddugala ulaagaa sadarkaa idil addunyaa guute ta’uun ogeeyyiin raayyaa ittisa biyyaa beekumsa ammayyan, ogummaa fi kalaqaan gahoomsuuf mul’ata qabaachuun eerameera.

Dabalataanis, ammayyummaa raayyaa ittisaa saffisiisuuf, qorannoo fi kalaqa keessoo jajjabeessuuf, misooma teeknooloojii gabbisuu fi dandeettii humna namaa guddisuuf faayidaa tarsiimawaa qaba.

Laaboraatooriin qorannoo olaanaan kun kan ijaarame qindoomina Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa fi dhaabbilee michoota idil addunyaa, keessattuu Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uu eerameera.

Waggoottan kurnan darban sagantaalee Barnootaa 75 ‘n hanga Sadarkaa digrii sadaffaatti barsiisaa kan jiru Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa kutaa yaalii guddicha kan ifoomse bu’ura Waliigaltee Emireetoota Araba Gamtoomanii waliin Bara Faranajoota 2023 tiin jedhameera.

Lafa kaaree meetira kuma 20 fi 850 irra kan qubate laaboraatoorichi xiyyeeffannoon isaa olaanaan, yaadota teeknooloojii maddisisuu, deeggarsa teeknikaa kennuu fi hojiirra oolchuu, kanaafis kan oolu laaboraatoorii 7 walitti hidhuun of keessatti qabateera.

Alamsaggaad Asaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.