Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin 3ffaa Raashiyaa- Afrikaa har’aa fi Boru Mooskootti gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2019 (FMC) – Yaa’iin 3ffaa Raashiyaa -Afrikaa, Har’aa fi Boru Raashiyaa Mooskootti gaggeeffama.

Yaa’icharratti hoggantoonni biyyootaa fi qopheessitoonni imaammataa dhimma ijoo diinagdee, invastimantii fi tumsa namoomaa irratti ni mari’atu jedhameera.

Yaa’icharratti hirmaattonni 200 ol biyyoota Afrikaa 46 irraa walitti babba’an ni argamu jedhamee eegama.

Akkasumas, waltajjiiwwan marii biyyoota hedduu hirmaachisanii fi marii biyyoota lamaanii ni gaggeeffamu.

Dabalataanis, bakka bu’oonni miidiyaalee Afrikaa ni hirmaatu; waliigalteewwan hedduunis ni mallatteeffamu jedhamee eegama.
Yaa’iin kun waltajjii olaanaa tumsa siyaasaa, diinagdee, teeknooloojii fi nageenyaa Raashiyaa fi biyyoota Afrikaa gidduu jiru cimsuuf gaggeeffamuudha.

Yaa’icharratti teeknooloojii dijitaalaa, Areefishaal Intalajansii (AI), wabii nyaataa, daldalaa fi tumsa damee anniisaa irratti xiyyeeffannoon ni kennama jedhamee eegama.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakaaroovaan ibsa kaleessa kennaniin, biyyattiin yaa’icharratti diinagdee dabalatee dhimmoota murteessoo biroo irratti xiyyeeffannoo akka kennitu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Raashiyaaa qophii barbaachisaa xumuruu himuu isaanii ENA’n gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.