Fana: At a Speed of Life!

Karaa seeraan alaan namoota daddabarsaa kan ture Adinaw Bashaa Wudaamoon to’atame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Interpoolii fi Poolisii Maalaawii waliin ta’uun shakkamaa karaa seeraan alaan namoota daddabarsuu keessatti hirmaachaa ture Adinaw Bashaa Wudaamoo to’annoo jala oolche.

Adinaw Bashaan dargaggoota hedduurratti yakka cimaa fi daddabarsa namootaa seeraan alaa balaafamaa ta’an raawwachaa turu Poolisiin Federaalaa ibseera.

Keessattuu dargaggoota Godina Kambaataa hedduu gowwoomsuun Afrikaa Kibbaatti daddabarsuun rakkoo hamaaf saaxilaa turuu Poolisiin ragaa Sanadaa fi namaan mirkaneessera jedhe.

Shakkamaan kun tokkoon tokkoo namootaa Birrii kuma 600 hanga Kuma 800 kan gaafatu yoo ta’u, Itiyoophiyaa keessatti kaffaltii duraa kuma 100 fi isa ol fudhachaa turuu galmeen qorannoo mirakeessera.

Imaltoota kanneen karaa Mooyaaleen gara Keeniyaatti ceesisuun Bosona Gaaboon keessa dhoksuun dararaa hamaa irra qaqqabsiisaa akka ture himame.

Akkasuma dargaggoonni kunneen Miilaa fi Doqdoqqeen gammoojjii Seeloo akka qaxxaamuran dirqisiisaa turuu ibsame.

Imaltoota hedduu karaa seeraan alaa Magaalaa Naayiroobii galchuun kutaa xiqqaa keessatti ukkaaffamsuun maatii isaanii maallaqa akka kaffalan dirqisiisuun yakka hamaa raawwachuu isaa ragaan sanadaa fi namaa ni mul’isa jedhe Poolisiin Federaalaa.

Dargaggoonni hedduun wayita Afrikaa Kibbaa seenaan to’atamuun adabbii hidhaa hanga waggaa sadii fi wayita adabbii xumuran ammoo Birrii kuma 100 fi kuma 70 kaffaluun gara Itiyoophiyaa deebi’uu isaanii himeera.

Poolisiin Federaalaa Interpoolii waliin ta’uun bara 2015 eegalee hordoffii taasisaa turuu ibseera.

Haaluma kanaan Poolisiin Maalaawwii Adinaw Bashaa Wudaamoo to’annoo jala oolchuun guyyaa kaleessaa Poolisii Itiyoophiyaaf dabarsee kennuu ibsame.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.