Itiyoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuuf qophaa’aa jirti
Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti waggaa waggaan bosonni lafa hektaara kuma 90 – 100 irraa ciramaa ture.
Kunis balaawwan garaagaraaf sababa ta’uun rakkoolee adda addaa uumaa tureera.
Mootummaan ida’amuu rakkoolee kanneen qolachuuf sagantaa ashaaraa magariisaa ummata hirmachise erga eegalee bubbuleera.
Erga sagantaan ashaaraa magariisaa eegalee waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoonni 48 dhaabamaniiru.
Bu’aan gama kanaan argames addunyaarratti Itiyoophiyaa olkaasera.
Hojiilee ashaaraa magariisaa waggoota darban hojjetamaniin uwwisni bosonaa Itiyoophiyaa gara % 23.6tti guddateera.
Bu’aa kana itti fufsiisuun uwwisa bosonaa % 30tti ol guddisuuf hojjetamaa jira.
Sagantaan ashaaraa magariisaa kun dhiqama biyyoo sadarkaa olaanaan hambisuu eegaleera.
Gabbina biyyoos dabaleera.
Biyyoo toonii130 ol waggaa waggaan dhiqamaa ture % 50 hir’iseera.
Sagantichi hidhaaleen Dalaliin akka hin guutamne ittisuurra darbee harawwan goganii turan akka deebi’an gargaareera.
Bara kanas sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biiliyoona 8 ol dhaabuuf hojjetamaa jira.
Sagantaa kana jalatti hojiiwwan dhaabbii biqiltuu gaggeeffaman keessaa tokko sosochii dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkooti.
Bara kana Adoolessaa 27, 2018 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.
Itiyoophiyaanonni sagantichaan ashaaraa isaanii kaa’aa jiru.
Bara kanas hirmaannaa ho’aa taasisaa jiru.
Mata duree ‘Abdii haa dhaabnu’ jedhuun guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabamuuf karoorfame akkuma waggoota darbanii milkaa’ina galmeessuuf qophiin guutuun taasifameera.
Bara darbe guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuuf karoorfamee, miiliyoona 700 fi miiliyoona 14.7 dhaabamuun kan yaadatamuudha.
Bara kanas Adoolessa 27, 2018 guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuun seenaa hojjechuuf Itiyoophiyaan qophoofterti.
Akka naannoo Oromiyaatti ammo Adoolessa 27, 2018 biqiltuu miiliyoona 400 fi miiliyoona 68 dhaabuuf qophiin barbaachisu xumurameera.
Naannichatti dhaabii biqiltuu guyyaa tokkoo kanaan bakkeewwan kumni 4 fi 778 adda bahuun jiyoo riifiraansiin isaanii fudhatame lafa hektaara kuma 100 fi kuma 82 fi 105 irra dhaabuuf boolli irra dhaabbatus qophaa’aniiru.
#Oromia #Ethiopia