Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsa namootaa seeraan alaa xiyyeeffannoo barbaadu…

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018(FMC)- Daddabarsa namootaa seeraan alaa ittisuuf qaamoleen qooda fudhattootaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhe Dhaabbanni Godaantotaa idil-addunyaa.

Guyyaan daddabarsa namootaa seeraan alaa ittisuu idil-addunyaa mata duree “ Kiyyoo waliindhahiinsa duuba jiru” jedhuun magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.

Naannawaa Kibba Bahaa Eeshiyaatti gareewwan daddabarsa namootaa seeraan alaa irratti bobba’an baay’achaa dhufuu dhaabbatichi ibseera.

Itiyoophiyaan rakkoo kanaaf saaxilamtuu akka taate eeruun, dhimmichi deebii ariifachiisaa akka barbaadu hubachiiseera.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Charinnat Hordofaa gamasaaniin, daddabarsa namootaa seeraan alaa ittisuuf koreen Ministira Muummee Itti aanaan durfamu hundaa’ee xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Qaamoleen seeraan ala namoota daddabarsan dargaggoota baratan irratti xiyyeeffachuun carraan hojii fooyya’aan waan jiru fakkeessuun fi odeeffannoowwan seera qabeessa fakkaatan dhiyeessuun lammiilee akka filan eeraniiru.

Haa ta’u malee dargaggoonni imala xiyyaaraan godhamuun Itiyoophiyaa keessaa erga bahanii booda yakka akka hojjetan kan dirqisiifaman ta’uu fi miidhaa qaamaafi xiin-sammuuf kan saaxilaman ta’uus ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee rakkoo kanaaf saaxilaman kuma 2 ol gara biyyaatti deebisuu kaasanii, yeroo itti aanutti rakkicha ittisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Miilkiyaas Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.