Oromiyaatti qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa bara 2018 ifoome
Finfinnee, Adoolessa 24, 2018( FMC)- Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata naannoo xumura barnoota Sadarkaa 1ffaa Kutaa 6ffaa bara 2018 ifoomeera.
Qabxiin darbiinsaas 50% fi isaa ol ta’uun murtaa’eera.
Barattoota qormaaticha fudhatan dhiira kuma 200 fi kuma 67 fi 307 akkasumas dubaraa kuma 200 fi kuma 49 fi 902 keessaa qabxii darbiinsaa (50% fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban dhiira kuma 200 fi kuma 43 fi 827 akkasumas barattoota dubaraa kuma 200 fi kuma 21 fi 12 ta’uun eerameera.
Walumaagalatti barattoonni kumni 400 fi kumni 64 fi 839 (89.9%) qabxii darbiinsaa fiduun gara kutaa itti aanuutti darbuu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Barattoonni qabxii isaanii ilaallachuuf marsariitii https://oromia6.ministry.et fayyadamuu akka danda’an biirichi beeksiseera.