Fana: At a Speed of Life!

Qophii dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof taasifamaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) –Adoolessa 27, 2018 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuuf Naannoleefi Magaaloota Hundatti qophiin taasifamaa jira.

Bara kana waliigalaan biqiltuuwwan biiliyoona 8.5 ol dhaabuuf hojjetamaa jira.

Wiixata dhufu ammoo duula guyyaa tokkoon biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 800 dhaabuuf qophiin barbaachisu xumuramaa jiraachuu Ministeerri qonnaa ibseera.

Lafa hektaara kuma 200 fi kuma 91 fi 617 irra biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuuf iddooleen kumni 10 fi 941 adda bahaniuiru.

Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma 100 fi kuma 91 fi 290 irra biqiltuuwwan miiliyoona 400 fi miiliyoona 76 ol dhaabuuf iddooleen kumni 4 fi 801 adda bahaniiru.

Naannoo Amaaraatti ammoo lafa hektaara kuma 68 fi 872 irra biqiltuuwwan miiliyoona 300 fi miiliyoona 8.7 dhaabuuf iddooleen kumni 3 fi 538 adda bahaniiru.

Akkasuma Naannoo Giddugala Itiyoophiyaatti lafa hektaara kuma 2 fi 910 irra biqiltuuwan miiliyoona 9.7 dhaabuuf, naannoo Kibba Itiyoophiyaatti lafa hektaara kuma 16 fi 861 irra biqiltuuwwan miiliyoona 41.3 dhaabuuf, Naannoo Sidaamaatti lafa hektaara kuma 2 irra biqiltuuwwan miiliyoona 10.1 dhaabuu fi Naannoo Somaaleetti lafa hektaara kuma 1 fi 67 irra biqiltuuwwna miiliyoona 2.9 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Naannoleen biroos akkaatuma humna isaaniin qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
Boolli dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kanaaf oolu iddoolee adda bahan irratti qophaa’aa jiru.

Hojiin hawaasaaf hubannoo uumuus hojjetamaa jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.