Fana: At a Speed of Life!

Hojii bu’a qabeessi damee bu’uura misooma daandii irratti mul’ate, dorgomtummaa Magaalaa Finfinnee bu’uura cimaan ijaare

Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) –Magaalaa Finfinneetti waggoottaan darban hojii bu’a qabeessi damee bu’uura misooma daandii irratti mul’ate, dorgomtummaa magaalichaa bu’uura cimaan ijaareera.

Magaalattiin hojiilee hundagaleessa maqaa gaarii olkaasan hedduu hojjetaa jirti.

Hojiilee bu’aa gaarii galmeessanii fi ammayyummaa magaalichaan mirkaneessan keessaa raawwiin damee daandii ijoodha.

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa fi hojiiwwan babal’inaa waggoota darban keessa raawwataman, yaa’insa tiraafikaa salphisuu fi sochii guyyaa guyyaa uummataa saffisaa fi mijataa gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisaniiru.

Ijaarsi daandiiwwan asfaaltii haaraa, suphaafi daandiiwwan cirrachaa hojiilee damichaan hojjetaman kanneen eeramaniidha.

Bu’aawwan damee bu’uuraalee misooma daandiin galmaa’an kunneen dandeettii dorgomtummaa magaalaa Finfinnee dabaluun, magaalattiin teessoo Afrikaa ta’uu ishee bu’uura jabaa irratti ijaaraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.