Fana: At a Speed of Life!

Qonnaa Kilaastaraa Gara Dhaabbilee Bizinasii Qonnaatti Ceesisuuf Hojjetamaa Jira – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Adoolessa 28, 2018(FMC) – Hojiin qonna kilaastaraa yaadama Ida’amuu irratti hundaa’uun qonnaan bultoota qabiyyee lafa xiqqoo qaban walitti gurmeessu, oomishtummaa damee qonnaa guddina olaanaatti ceesisaa jira jedhan Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa.

Obbo Addisuun ergaa fuula miidiyaa Hawaasummaa isaaniin dabarsaniin akka ibsanitti, misoomni qonna kilaastaraa kun bara 2011tti lafa heektaara kuma 600 irratti kan jalqabame yoo ta’u, bara 2018tti lafti kilaastaraan misoome heektaara miliyoona 13 ga’uu danda’eera.

Qonnaan bultoonni miliyoona 9.5 ta’anis sirna kana keessatti hirmaachuun oomishtummaa isaanii %29’n guddisuu danda’uus kaasan.

Sirni kun qonnaan bultoonni teeknoolojii makaanayizeeshinii, sanyii filatamaa, xaa’oo fi keemikaalota qonnaa haala qindaawaan fayyadamanii oomishtummaa isaanii akka guddisan dandeessisuus ibsan.

Hojiin qonna kilaastaraa kun Labsii Haaraa Dhaabbileen Bizinasii Qonnaa irratti hundaa’uun, gara dhaabbilee dhaabbilee Bizinasii Qonnaa qonnaan bultootaan hundeeffamanii, seeraan galmaa’anii fi ogeeyyiidhaan bulaniitti jijjiiruuf hojiin bal’aan gaggeeffamaa akka jirus eerankiru.

Kunis jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuu fi damee qonnaa gara dorgommii olaanaatti ceesisuuf murteessaa ta’uun ibsameera.

Dhaabbileen agrii-bizinasii haaraan hundeeffaman kunniin: oomishtoota lafa xiqqoo qaban keessatti yaada daldalaa babal’isuu, oomisha walitti qabuu, gatii dabalataa uumuu fi gabaa irratti humna marii isaanii cimsuun galii madaalawaa akka argatan gargaaras jedhan.

Akkasumas qonnaan bultoonni xixiqqoon wal gurmeessuun gara oomishtummaa sadarkaa giddugaleessaatti fi hojiiwwan agiroo-pirooseesiingiitti ce’uun sirna dhaabbataa haaraa uumuu keessatti shoora olaanaa taphachuu akka dandeessisus ibsniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.