Fana: At a Speed of Life!

Dinagdeen Itiyoophiyaa Dinagdeewwan Gurguddoo Sahaaraa Gadii Keessaa Isa Tokko – CNN

Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Televizhinii CNN kan teessuma isaa Ameerikaa godhate akka gabaasetti, dinagdeen Itiyoophiyaa dinagdeewwan sahaaraa gadii saffisaan guddachaa jiran shanan keessaa isa tokkoo dha.

Gaazexeessituu CNN kan Keeniyaarraa gabaastu Viktooriyaa Rubaadariin gabaasa qopheessiteen, biyyi Baha Afrikaa Itiyoophiyaan omisha bunatiin kan beekamtu ta’uu fi bunnis galii daldala alaa Itiyoophiyaa keessaa qooda olaanaa akka qabu eerteetti.

Itiyoophiyaan dinagdee ishee guddisuuf fooyya’iinsa sekteerota hedduu geggeessiteen sekteera indaastrii, qonnaa, humna haaromfamaa, albuudaa, turizimii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti milkaa’ina galmeessuu ishee ibsiteetti.

Magaalaan guddoo Itiyoophiyaa Finfinneen keessattuu bu’uuraaleen misoomaa guutamaafii haala adda ta’een miidhagduu fi masakamtuu taatee akka argamtu eeruun; Finfinneen magaalaa sochiin daldalaa fi dinagdee olaanaan keessatti gaggeeffamu ta’uu gabaasteetti.

Daarikteerri Wiirtuu Xiinxala Guddina Idil-addunyaa (IGC)Tewodroos Makonnin gabaasa CNN kana hordofuun yaada kennaniin, fooyya’iinsa dinagdee geggeeffameen Itiyoophiyaan guddina saffisaa agarsiisaa jirti jedhaniiru.

Dinagdeen Itiyoophiyaa dinagdeewwan gurguddoo Sahaaraa gadii shanan filatamoo ta’an keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru

Dabalataanis, Itiyoophiyaan omisha warqee, sekteera indaastrii omishaa, dinagdee magariisaa, turizimii fi dameelee biroo irratti guddina olaanaa agarsiisaa akka jirtu CNN gabaaseera.

Mikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.