Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inni nageenya saayibarii Itiyoophiyaa Afrikaaf fakkeenya ta’a- Beeniin

Finfinnee, Hagayya 1, 2018(FMC)- Milkaa’inni nageenya saayibariifi ijaarsa dandeettii Itiyoophiyaa Afrikaaf fakkeenya ta’a jedhan Ministirri Ce’umsa Diijitaalaafi Innooveeshinii Beeniin Dooktar Maahuunaa Akipiloogaan.

Jilli Dooktar Maahuunaa Akipiloogaan durfamu hojiilee Itiyoophiyaan misooma teeknooloojii mandhaleefi birmadummaa diijitaalaa mirkaneessuuf hojjette irraa muuxannoo qooddachuuf Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa daawwateera.

Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsichaa Tigist Hamiid hojiilee dhaabbatichi birmadummaa diijitaalaa mirkaneessuuf hojjechaa jiru irratti jilichaaf ibsa kennaniiru.

Daawwannichaan booda haala dameewwan nageenya saayibarii, misooma teeknooloojii mandhaleefi ce’umsa diijitaalaa irratti waliin hojjechuu danda’an irrattis mari’ataniiru.

Dooktar Maahuunaa Akipiloogaan wayita kana milkaa’inni Itiyoophiyaan nageenya saayibariifi ijaarsa dandeettiin galmeessifte biyyoota Afrikaa biroof barnoota guddaa kenna jedhaniiru.

Keessumaa Giddugala oomisha diroonii EeroAbbaay dabalatee hojiilee kalaqaa haaraa hojjetaman dinqisiifataniiru.

Yeroo itti aanutti bu’uura hammattoo tumsa biyyoota lameeniin waloon hojjechuuf fedhii guddaan jiraachuu ibsuusaanii ragaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.