Fana: At a Speed of Life!

Dinagdee cimaa ijaaruun mootummaa qofaan hin raawwatamu- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 6, 2018(FMC)- Dinagdee cimaa ijaaruun mootummaa qofaan hinraawwatamu jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Riifoormiin karaa ‘𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝗮 𝗦𝗼𝘃𝗲𝗿𝗲𝗶𝗴𝗻 𝗙𝘂𝗻𝗱’ taasifne dandeettii caasawaa horataalee mootummaa guddisuun dhaabbilee faayinaansii walitti hidhamiinsa qaban uumuu keessatti tarkaanfii tarsiima’aa ture jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

𝐁𝐚𝐚𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐒𝐢𝐢𝐧𝐪𝐞𝐞: 𝐁𝐮’𝐚𝐚 𝐅𝐚𝐚𝐲𝐢𝐧𝐚𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚 𝐇𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐃𝐢𝐧𝐚𝐠𝐝𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢
Dinagdee cimaa ijaaruun mootummaa qofaan hinraawwatamu. Ce’umsi dinagdee dhaabbilee dinagdee ummata baldhaa sochii oomishaa, invastimantiifi kalaqaa keessa galchan barbaada.

Hoggansi Jijjiiramaa galmoota qabsoo dinagdee ummata Oromoo milkeessuuf utubaalee kaa’e keessaa, dhaabbilee warraaqsa dinagdee ho’isan ijaaruufi ummata baldhaa sochii dinagdee qabatamaa keessa galchuun bakka olaanaa qabu. Baankiin Siinqee, waggoota muraasa keessatti, gahee kana yaadarraa gara qabatamaatti jijjiiruu keessatti tarkaanfii muldhatu taasisee jira.
Sirni faayinaansii biyya keenyaa yeroo dheeraaf namoota galii xiqqaa qaban, qoteefi horsiisee bultoota, dargaggoota, dhaweeyyiifi intarpiraayizoota xixiqqaa bira gahuurratti daran daanga’aa ture. Daangaa kana cabsuun faayinaansii gara hawaasa baldhaatti dhiyeessuu keessatti Baankiin Siinqee adda durummaan socho’aa jira.

Hanga yoonatti, liqii waliigalaa Birrii 𝗕𝗶𝗹. 𝟭𝟮𝟳.𝟭 ol ta’u 𝗹𝗮𝗺𝗺𝗶𝗶𝗹𝗲𝗲 𝗸𝘂𝗺𝗮 𝟵𝟬𝟬’tti dhiyaatan biraan gaheera. Tajaajila dijitaalaa “𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶” qofaan liqii Birrii 𝗕𝗶𝗹. 𝟴.𝟯 𝗼𝗹 dhiyeessuun namoota 𝗠𝗶𝗹. 𝟭.𝟲 𝗼𝗹 ta’an bira qaqqabeera. Lakkoofsi kun baldhina hojii baankii qofa osoo hintaane, baldhina namoota daawwatummaa irraa gara hirmaattummaa sirna dinagdeetti ceesisaa jiru agarsiisa.

Faayinaansiin qoteefi horsiisee bulaa bira yemmuu gahu, liqii qofa miti. Dandeettii oomishtummaa uuma. Dhaweessi ykn dargaggeessi yemmuu kaappitaala argatu, dandeettii isaa gara hojii qabatamaatti, yaada isaa gara intarpiraayiziitti jijjiira.

Intarpiraayizoonni xixiqqaan yemmuu deeggarsa faayinaansii argatan, carraan hojii uumaniifi galiin argamsiisan nibabaldhata. Kanaaf, gahee Baankii Siinqee lakkoofsa maamiltootaa ykn baay’ina liqii kenneen qofa osoo hintaane, sadarkaa qabbabummaa faayinaansii gara dandeettii oomishtummaafi jireenya fooyya’aatti jijjiiraa jiruun madaalamuu qaba.

Guddinni Baankichaa gama birootiinis bu’uura cimaa qabachaa jira. Bara bajataa 2018 qofa bu’aa waliigalaa ‘piroovizyinii’ dura Birrii 𝗕𝗶𝗹. 𝟭𝟬.𝟳 galmeessiseera. Qusannoon maamiltootaa Birrii 𝗕𝗶𝗹. 𝟭𝟳𝟴.𝟭 gaheera; qabeenyi waliigalaa Baankichaa Birrii 𝗕𝗶𝗹. 𝟮𝟭𝟲.𝟮’tti guddateera; kaappitaalli waliigalaas Birrii 𝗕𝗶𝗹. 𝟮𝟯.𝟭 gaheera.

Ragaan kun guddina hojii Baankii Siinqee qofa osoo hintaane, humna namaa dandeettii faayinaansii isaa cimsuuf isa dandeessisu horachaa akka jiru agarsiisa.

Haata’u malee, milkaa’inni dhumaa Baankii Siinqee bu’aa faayinaansiifi guddina qabeenyaa qofaan hinmadaalamu. Guddinni faayinaansii sun gara humna oomishtummaatti, humni oomishtummaa gara invastimantiitti, invastimantiin gara carraa hojiifi galiitti, carraan hojiifi galiin ammoo gara fooyya’iinsa jireenya hawaasaatti jijjiiramuu qabu.

Kanaaf, milkaa’inni dhugaa Baankichaa danqaa faayinaansii cabsuun hawaasa galii gadi aanaafi carraa dinagdee muraasa qaban sochii dinagdee qabatamaa keessa galchuu, qoteefi horsiisee bulaa gara invastimantiitti ceesisuu, dargaggoonnifi dhaweeyyiin yaadaafi ogummaa isaanii gara intarpiraayiziitti akka jijjiiran tajaajila faayinaansii mijataa uumuufi, hundaa ol, faayinaansii gara oomishtummaatti jijjiiruun jireenya hawaasaa qabatamaan fooyyeessuudha.

Kanaaf, tarkaanfiin ittaanu guddina qabeenya Baankichaa qofa osoo hintaane, qulqullina yaa’ina kaappitaalaa irratti xiyyeeffachuu qaba. Gama tokkoon qabeenyi Baankichaa gara dameewwan oomishtummaa olaanaa qabanitti: qonnaa, intarpiraayizii qonnaafi kurfeessa omishaalee qonnaa irraa hanga industirii, tajaajila, teknoolojiifi intarpiraayizoota dhaloota haaraatti sirnaan yaa’uu qaba.

Gama birootiin sirna faayinaansii kalaqaafi teknoolojii dijitaalaa irratti hundaa’e diriirsuun tajaajila saffisaa, salphaafi qaqqabamaa babaldhisuun barbaachisaadha. Baankiin Siinqee guddachaa akkuma jiru, guddina isaa humna dinagdee ummataa taasisuu irratti caalaatti cichuu qaba.

Gama kanaan, riifoormiin karaa 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝗮 𝗦𝗼𝘃𝗲𝗿𝗲𝗶𝗴𝗻 𝗙𝘂𝗻𝗱 taasifne dandeettii caasawaa horataalee mootummaa guddisuun dhaabbilee faayinaansii walitti hidhamiinsa qaban uumuu keessatti tarkaanfii tarsiima’aa ture. 𝗚𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 jalatti 𝗕𝗮𝗮𝗻𝗸𝗶𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲, 𝗟𝗶𝗶𝘇𝗶𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲, 𝗜𝗻𝘀𝗵𝘂𝗿𝗮𝗮𝗻𝘀𝗶𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲𝗳𝗶 𝗕𝗮𝗮𝗻𝗸𝗶𝗶𝗻 𝗜𝗻𝘃𝗮𝘀𝘁𝗶𝗺𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 hundeessuun keenya, kaappitaala kuusuu, liqeessuu, invastimantii, inshuraansiifi liizii walitti hidhun sirna faayinaansii baldhaa ijaaruuf carraa olanaa uumaa jira. Kanaaf, xiyyeeffannoon keenya ittaanu, “𝗰𝗮𝗮𝘀𝗮𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗴𝗮𝗿𝗮 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝗾𝗮𝗯𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝘁𝘂𝘂𝘁𝘁𝗶 𝗮𝗸𝗸𝗮𝗺𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗷𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗿𝗮?” kan jedhu ta’uu qaba.

Raawwii olaanaa bara bajataa 2018 galmaa’eef, hoggansa, boordiifi hojjettoota Baankii Siinqee maqaa kiyyaafi maqaa MNO’tiin galateeffachuun barbaada. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Baankiin Siinqee maqaa, kaayyoofi ergama ittiin hundaa’e qabatee guddina isaa akka itti fufsiisuufi gahee isaa akka caalaatti bahatuuf deeggarsa barbaachisu mara kan taasisu ta’uu irra deebiin kanan mirkaneessu ta’a.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.