Raayyaa Ittisaa: Gaachana Birmaddummaa fi Wabii Nageenya Naannawaa
Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Birmaddummaa biyya tokkoo kabachiisuuf, faayidaa biyyaalessaa isaa eeguu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf Raayyaa Ittisaa yeroo wajjin deemuu fi gurmaae ijaaruun hojii jalqabaa ti.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa dhaabbata birmaddummaa fi tokkummaa biyyattii eeguuf, akkasumas faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi kabaja alaabaa biyyattii tiksuuf gahee seena qabeessi itti kennamee dha.
Raayyaan Ittisaa itti gaafatamummaa kana gahumsaan ba’uuf naamusa waraanaa, naamusa hojii, gahumsa ogummaa fi dandeettii dhaabbatummaa cimsuun humna ijaaruuf hojiiwwan garaagaraa hojjechaa tureera.
Kanaanis dirqama itti kennameef qophii ta’uu fi ergamoota biyya keessaa fi alaa gahumsa ogummaatiin raawwachuu kan isa dandeessisu bu’uura uumeera.
Ammayyummaan Raayyaa Ittisaa gahumsa ogummaa humna namaa isaa waliin walitti hidhata qaba. Kana irraa ka’uun meeshaalee waraanaa fi teeknooloojiiwwan ittisaa yeroo waliin deemanii guutuu, dandeettii hojii isaa guddisuu fi qophii dirqamaa isaa cimsuun dhimma xiyyeeffannoon kennameefii dha.
Keessattuu dandeettii Humna Qilleensaa ammayyaa ijaaruun qaama olaanaa adeemsa ammayyummaa Raayyaa Ittisaa ti.
Humna Qilleensaa cimsuun, dandeettii hordoffii qilleensaa fi human odeeffannoo ammayyaa walitti qaby guddisuun, akkasumas diroonii dabalatee teeknooloojiiwwan ammayyaa guutuun dandeettii hordoffii, odeeffannoo fi raawwii dirqamaa isaa cimsuuf xiyyeeffannoon kennameera.
Droonii fi teeknooloojiiwwan ammayyaa biroo fayyadamuunis dandeettii odeeffannoo guddisuuf, hordoffii naannoo cimsuuf, akkasumas murtee kennuu odeeffannoo fooyya’aan deeggaruuf gargaara.
Haaromsi caasaa fi sirna hojii dhaabbatichaa keessatti taasifames agarsiistuu jijjiirama Raayyaa Ittisaa keessaa isa biraati.
Adeemsa riifoormii Mootummaa Ida’amuu keessatti dhaabbaticha sirna hojii ammayyaa, ogummaa fi dandeettii dhaabbatummaatiin cimsuuf tattaaffiin taasifamaa jiru dandeettii ergama isaa gahumsaan raawwachuu isa gargaaru ijaaruu irratti kan xiyyeeffatedha.
Amalli sabdaneessummaa Raayyaa Ittisaas walqixxummaa qooda hawaasummaa biyyattii kan calaqqisiisudha. Miseensonni Raayyaa Ittisaa saboota, sab-lammoota fi naannolee garaagaraa irraa walitti dhufan alaabaa tokko jalatti hiriiruun kaayyoo biyyaalessaa tokkoof hojjechuun mallattoo sabdaneessummaati. Kunis tokkummaa dhaabbatummaa Raayyaa Ittisaa fi tokkummaa biyyaalessaa walitti hidha.
Gaheen Raayyaa Ittisaa biyyaa birmaddummaa fi faayidaa biyyaalessaa eeguu qofa irratti kan daangeffamu miti. Ergamoota nageenya eeguuu Mootummoota Gamtoomanii irratti hirmaachuun Afrikaa fi biyyoota addunyaa biroo keessatti nageenya buusuuf gumaacha taasiseera.
Hirmaannaan kunis Itiyoophiyaan tattaaffiiwwan nageenyaa idil-addunyaa fi naannawaa keessatti gahee guddaa akka qabdu argisiisa.
Jijjiiramni dhaabbatummaa Raayyaa Ittisaa qaama adeemsa birmaddummaa biyyaalessaa eeguu, nageenya kabachiisuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf dandeettii barbaachisu itti fufiinsaan cimsuu ti.
Raayyaan Ittisaa gahumsa ogummaa, teeknooloojii ammayyaa, Humna Qilleensaa cimaa fi dandeettii dhaabbatummaa irratti hundaa’uun ijaaramaa jiru dirqama itti kenname gahumsaan akka ba’u, akkasumas gumaacha nageenya naannawaatiif qabu akka cimsuuf hojii jalqabame itti fufsiisuun barbaachisaadha.
Maalaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia