Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddara Afrikaa- Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa…

Finfinnee, Hagayya 13, 2018 (FMC) – Indaastirii Aviyeeshinii idil vaddunyaa waggoota darban keessatti rakkoolee hedduu, gatii boba’aa olka’uu irraa kaasee hanga weerara COVID-19 fi muddama ji’opoolitikaa keessummeessera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaas rakkoolee fi qormaatawwan kana hunda keessatti, qormaata gara carraatti jijjiiruun, dorgommii sadarkaa addunyaa irratti qabuufi olaantummaa isaa Afrikaa keessatti argamu itti fufsiisuu danda’eera.

Daandiin Qilleensichaa, murannoo hoggansa mootummaa Ida’amuun deeggaramee, bittaa xiyyaarota ammayyaa irraa kaasee hanga ijaarsa buufata xiyyaaraa megaa, leenjii balaliistotaa irraa hanga babal’isa wiirtuuwwan suphaa xiyyaarotaatti, hojiiwwan misoomaa adda addaa raawwachuun guddina isaa saffisiiseera.

Daandiin Qilleensichaa baay’ina xiyyaarota isaa dabaluufi ammayyeessuuf, waggoota saddeettan darban keessatti waliigalteewwan bittaa xiyyaarota ammayyaa seenaa qabeessa jedhaman hedduu mallatteesseera.

Kanaanis, xiyyaarota haaraa 74 bitee hojii irra oolcheera.

Akkasumas, xiyyaarota 117 bituuf dhaabbilee Booyingi fi Airbus waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigalteewwan kunneen Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa, kan waggaa 80 guute, xiyyaarota ammayyaa, boba’aa qusatan, akkasumas faalama naannoo xiqqeessan kanneen akka 787 Dreamliner, 737 MAX, A350-900 fi A350-1000 qabaatuuf isa dandeessisudha.

Xiyyaarota Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa itti fayyadamu giddu galeessaan umurii isaanii waggaa 9ol yoo ta’u, kunis xiyyaarota inni itti fayyadamu haaraa ta’uu isaanii kan agarsiisudha.

Daandiin Qilleensichaa bakka geejjiba qilleensaa idil addunyaa fi biyya keessaa bal’inaan dabaleera.

Bara bajataa 2018 xumurame qofa, bakka geejjiba qilleensaa idil-addunyaa haaraa afur keessatti tajaajila balalii jalqabeera.

Kana malees, lakkoofsa bakka geejjiba isaa idil addunyaa gara 150tti olguddiseera.

Keessattuu, biyya keessaa Nageelle Boorana, Goree Mattuu fi Dabra Markos dabalatee, buufatawwan xiyyaaraa haaraa ijaaruun tajaajila balalii eegalchiiseera.

Baay’ina imaltootaa dandeettii Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bolee caalaa dabalaa dhufe keessummeessuuf kan karoorfame, ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Bishooftuu guddichi ifatti jalqabamuunis ni yaadatama.

Buufatni xiyyaaraa kun baasii doolaara biliyoona 12.5’n kan ijaaramu yoo ta’u, waggaatti hanga imaltoota 100 miliyoona keessummeessuu danda’a.

Kunis Itiyoophiyaa wiirtuu aviyeeshinii Afrikaa keessaa isa guddaa taasisuuf gumaacha qaba.

Akka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad jedhanitti, tarsiimoon buufatawwan xiyyaaraa gurguddoo ijaaruun Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti balbala geejjiba qilleensaa isa dursaa taasisuuf kan akeekameedha.

Dabalataanis, Akkaadaamii Pilototaa fi Teeknishaanotaa duraanii gara Yuunivarsiitii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti guddisuun, barattoota biyya keessaa fi biyya alaa leenjiiwwan adda addaa akka argatan taasiseera.

Akkasumas, wiirtuu barnoota aviyeeshinii Afrikaa keessaa isa dursaa ta’e uumeera.

Daandiin Qilleensichaa gama faayinaansiitiinis milkaa’ina ajaa’ibaa galmeessiseera.

Bara bajataa xumurame keessatti qofa, guddina dhibbeentaa 20 galmeessuun, galii doolaara biliyoona 9.1 argateera..

Bara kana qofa keessatti imaltoota miliyoona 20.7 fi fe’umsa toonii 897,000 geejjibsiisuu danda’eera.

Milkaa’inawwan ifaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waggoota 8 darban keessatti galmeesse, tarsiimoo isaa Vision 2035 hojiirra oolchuuf tattaaffii inni taasisaa jiru keessatti tarkaanfii murteessaa dha.

Teediroos Sahaaleetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.