Manni Marichaa Wixinee labsii Moggaasa, gurmaa’iinsa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf bahe raggaasise
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Wixinee labsii Moggaasa, gurmaa’iinsa, aangoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Federaalaa murteessuuf bahe raggaasiseera.
Manni Marichaa wixinee labsichaa kan raggaasise walga’ii addaa 1ffaa waggaa 1ffaa marsaa 7ffaa har’a gaggeesseeni.
Wixineen labsichaa qorannoon bal’aan kan irratti taasifame Manneen hojii Ministeerootaa fi dhaabbilee Waamamtootaa waliin marii gaggeessuun galteen gahaan kan irraa argame ta’uu eeraniiru.
Manneen hojii qaama raawwachiiftuu Mootummaa waggoottan shanan darban keessatti hanqinaalee turan furuuf wixineen labsichaa kan deeggaruu fi mirgi namoomaa fi dimookiraasii lammiilee akka kabajamuu fi sadarkaan jireenyaa ummataa akka fooyya’u ni gargaara jedhameera.
Wixineen labsichaa gurmaa’iinsa dhaabbilee ifatti kaa’uun, qabeenya uummataa fi Mootummaa hoggantoonni sirnaan akka itti fayyadaman taasisuuf murteessaa ta’uu eerameera.
Dabalataniis gurmaa’iinsa bu’a qabeessaa fi saffiisa uumuun dandeettii raawwachuu dhaabbilee guddisuuf gaheen qabu olaanaa ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.
#MootummaaIda’amuu.