Damee barnootaa bu’uurri cimaan itti kaa’ame
Finfinnee, Hagayya 14, 2018 (FMC) — Biyya tokko keessatti humna namaa beekumsaa fi dandeettii ga’aa qabu uumuun yoo hin danda’amne, hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa fi kaappitaala qofa irratti hundaa’uun guddina gama hundaan mirkaneessuun hin yaadamu.
Biyyoonni qabeenya uumamaa isaanii sirnaan fayyadamuuf humna namaa gahumsa qabu, beekumsa gara oomishtummaatti jijjiiru danda’u barbaadu.
Humna namaa kana horachuufis barnootni gahee dursaa qaba.
Mootummaan Ida’amuu, invastimantiin barnoota irratti taasifamu invastimantii dandeettii biyyi tokko gara fuulduraatti qabaatu irratti taasifamu ta’uu sirriitti hubachuun, hanqina sirna barnootaa Itiyoophiyaa furuuf hojiiwwan fooyya’iinsaa bal’aa xiyyeeffannoon geggeessaa tureera.
Waggoota muraasa darban keessatti fooyya’iinsi waliigalaa qaqqabummaa, qulqullinaa fi kalaqa irratti xiyyeeffate barnoota daa’immanii irraa kaasee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti damee barnootaa Itiyoophiyaa keessatti hojiirra ooleera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kana ilaachisuun dubbii dubbatanii turaniin, hojiiwwan damee barnootaa keessatti hojjetamaa jiran, jireenyaa fi fuuldura biyyaatti mirkaneessuu kan kaayyeffatanidha.
Haaluma kanaan, manneen barnootaa keessatti naannoo baruu fi barsiisuu mijataa uumuuf manneen barnootaa sadarkaa isaanii eeggatan, kanneen sadarkaa idileen duraa, sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa ijaaruufi haaromsuuf hojiiwwan hojjetamaniiru.
Fooyya’iinsa kana hordofuun, barnoota sadarkaa idileen duraa qaqqabamaa taasisuuf manneen barnootaa kuma 35 ol guutuu biyyattii keessatti ijaaruun, daa’imman miliyoonni 5 ol gara barnootaatti akka dhufan taasifameera.
Kana malees, deeggarsa uummataa fi abbootii qabeenyaatiin manneen barnootaa moodelli fi manneen barnootaa bultii addaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti ijaaramaa turaniiru; waajjirri Giiftii Duraa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa moodelaa 35 ijaarsiseera.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi gocha waraabbii qormaataa irraa bilisa gochuuf sirni qormaataa cimaa fooyya’ee hojiirra ooluun bu’a qabeessa ta’aa jira.
Qormaata kutaa 12ffaa keessatti waraabbii fi hanna irraa bilisa akka ta’uuf qormaata karaa interneetii kennuun bara 2016 kan eegale yoo ta’u, bara barnootaa 2018 keessatti qaqqabummaan isaa gara dhibbeentaa 62tti guddateera. Bara itti aanuttis dhibbeentaa 100 irraan ga’uuf hojjetamaa jira.
Hojiiwwan mootummaa Ida’amuun nama irratti xiyyeeffatan keessaa sagantaan nyaata mana barumsaa isa duraa irratti eeramuudha.
Haaluma kanaan, bara barnootaa 2018 xumurame keessatti barattoonni miliyoona 8.9 ol, barnoota sadarkaa idileen duraa irraa kaasee hanga sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaatti, sagantichaa fayyadamoo ta’aniiru.
Gama barnoota olaanaatiin, boordiiwwanii fi hoggantoonni yunivarsiitiiwwanii dandeettii fi dorgommii irratti hundaa’uun akka filatamanii fi ramadaman kan taasisu sirni haaraan hojiirra oolaa jira.
Dhaabbileen barnoota olaanaa mootummaa akka ofiin of bulchaniif sirni jalqabame bu’uura godhachuudhaan, Yuniivarsiitiin Finfinnee adeemsa cehumsaa isaa jalqabeera. Muuxannoo kana irraa ka’uunis yuniivarsiitiiwwan sagal gara sadarkaa ofiin of bulchuutti ce’uuf adeemsa irra jiru.
Keessumaa, sirna barnootaa teeknoolojiin deeggaruun hojiiwwan xiyyeeffannoo addaa argachaa jiru. Yunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee hojii jalqabuun dandeettii teeknooloojii biyyattiif boqonnaa haaraa kan banuudha.
Barnoota dijitaalaa babal’isuu, qormaatawwan biyyaalessaa ammayyeessuu, akkasumas leenjii teeknikaa fi ogummaa (TVET) fi barnoota olaanaa gidduu qindoomina jiru cimsuun hojiiwwan fooyya’iinsa sirna barnootaa keessatti hojiirra jiran keessaa isaan ijoodha.
Dabalataanis, gahumsa ogummaa fi jajjabeessa barsiisotaa fooyyessuu, akkasumas kolleejjota leenjii barsiisotaa fi yunivarsiitiiwwan cimsuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiru.Hojiiwwanii fi fooyya’iinsa imaammataa Mootummaan Ida’amuu raawwataa jiru kun dandeettii sirna barnootaa keessatti akka guddatu taasisaa kan jiran yoo ta’u, dhaloota baratee fi Itiyoophiyaa boruu fudhatee itti gaafatamummaa isaa ba’uu danda’u ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’aniiru.
Tewodiroos Saahileen
#Oromia #Ethiopia