Birmadummaa biyyaa eegsisuuf qophiidha- Eebbifamtoota Koomaandoo
Finfinnee, Hagayya 17, 2018(FMC)- Dirqama biyyaa nutti kennamu milkaa’inaan bahachuun birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf qophiidha jedhan eebbifamtoonni Koomaandoo Giddugala Leenjii Ajaja Addaa irraa eebbifaman.
Giddugalichi komaandoo fi humna qilleensaa marsaa 45ffaa guyyaa kaleessaa eebbisiiseera.
Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa wayita kana, komaandoo fi humnni qilleensaa gahumsa qaamaan, cichoominaafi beekumsa waraanaan humna kallattii waraanaa jijjiiru ta’uu ibsan.
Eebbifamtoonni gamasaaniin, leenjii fudhataniin muuxannoofi ogummaa waraanaa olaanaa gonfachuu eeraniiru.
Eebbifamtoota keessaa tokko kan ta’e Koomaandoon Bu’uuraa Abdusalaam Siyyum, biyyiifi uummanni adda bahuu akka hin dandeenye ibseera.
Biyya loltummaan tajaajiluun kabaja waan ta’eef leenjii argateen biyya isaa tajaajiluuf qophii ta’uu dubbateera.
Itiyoophiyaa ogummaa loltummaan tajaajiluuf leenjii fudhatte xumuruu isheetti gammaduu kan ibsite ammoo Koomaandoo Bu’uuraa Faantaayee Yaadataadha.
Eebbifamaan biraa Koomaandoo Bu’uuraa Daagim Daawwit ammoo leenjii Kanaan beekumsaafi muuxannoo loltuu gahumsa qabu ta’uuf isa danbdeessisu argachuu dubbateera.
Yeroo itti aanuttis nageenya biyyaa eegsisuuf qophii ta’uu ibseera.
Koomaandoo Bu’uuraa Mulugeetaa Girmaanis, giddugalichatti leenjii garaagaraa fudhachuufi gara fuulduraattis daangaa biyya isaa eeguuf qophii ta’uu dubbateera.
Koomaandoo Bu’uuraa Qaalkidaan Geetaahunis leenjii giddugalichatti fudhatteen biyya ishee tajaajiluuf qophii ta’uu ibsiteetti.
#Oromia #Ethiopia