Fana: At a Speed of Life!

Balaa lolaa Neeppaal lubbuu namoota 177 galaafate

Finfinnee, Hagayya 21, 2018 (FMC)- Neeppaalitti balaan lolaa mudate lubbuu namoota 177 yoo galaafatu namoonni 800 ol ammoo achi buuteen isaanii hin beekamne.

Balaa lolaa cimaa naannawaa bulchiinsa Tiibeetitti mudate Kanaan manneen fi riqichoonni hedduunis manca’aniiru.

Balichaan hanga ammaatti namoonni 177 yoo du’an, 800 ol achi buuteen dhabamuu Poolisiin biyyattii beeksiseera.

Lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’us ibsameera.

Haalli teessuma lafaa magaalaa Tiibeet fi rooba cimaan walitti fufiinsaan roobe hojii lubbuu baraaruutti gufuu ta’uun eerameera.

Balaa Kanaan lammiilee biyyattii dabalatee lubbuun daawwattoota Hindii, Ameerikaa fi Ingiliz 100 ol darbuun ibsameera.

Hojii lubbuu baraaruuf biyyoonni hedduun ogeeyyii gargaarsaa ergaa akka jiran BBC’n gabaaseera.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.