Fana: At a Speed of Life!

Turkiyyeen COP31 irraa waliigalteewwan Invastimantii Doolaara biiliyoona 26 milkeessite

Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Turkiyyeen Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtomanii 31ffaa Antaaliyaatti keessummeessiterraa waliigalteewwan Invastimantii Doolaara biiliyoona 26 milkeessiteetti.

Chaayinaa waliin waliigaltee duraa misooma Anniisaa Haaromfamaa Doolaara biiliyoona 15, Dhaabbata Faayinaansii Idil Addunyaa waliin waliigaltee faayinaansii Doolaara biiliyoona 5.1 mallatteessuu ibsite biyyattiin.

Waliigalteewwan kunneen hedduun isaanii misooma anniisaa qulqulluu waliin kan wal qabatu yoo ta’an, biyyattiin misooma anniisaa elektirikii babal’isuuf, gadi-lakkifama gaasota faalama qilleensaa hir’isuuf, akkasuma hojiilee jijjiirama qilleensaa wajjin walqabatan galmaan ga’uuf kan gargaaraniidha jedhame.

Waltajjii Marii jijjiirama qabeenya qilleensaa cinaatti dhaabbilee daldlaa fi Biiznasii xixiqqaaf haalli gabaa mijataan uumamuu ‘Reuters’ gabaasera.

Dhaabbileen hojiiwwan teeknooloojii qabeenya qilleensaa wajjin walqabatan irratti hojjetan, oomisha isaanii biyyoota hirmaatanitti beeksisuun carraan gabaa bal’aan isaaniif uumamuufii ibsae.

Hayilamaariyaam Taganyiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.