Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya Dhokataa Gara utubaa Diinagdeetti ce’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan biyya qabeenya uumamaa hedduun badhaate taatus, waggoota hedduuf faayidaa barbaadamuurra oolaa hin turre.

Albuudota tarsiimoo kanneen akka warqee, tantaalamii, pootaashiyeemii, liitiyeemii, dhagaa gatii jabeessaafi dhagaa cilee, akkasumas albuudota biroo haalaan itti fayyadamuun waan hin danda’aminiif, gumaachi dameen albuudaa oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) biyyattii keessatti qabu dhibbeentaa 0.8 kan hin caalle ture.

Haa ta’u malee, waggoota shanan darban keessatti fooyya’iinsa diinagdee taasifameen, dameen kun daldala seeraan alaa fi gufuuwwan duraanii keessaa ba’uun, utubaalee diinagdee ijoo biyyattii shanan keessaa tokko ta’uu danda’eera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yeroo gara garaatti akka ibsaa turanitti, “Albuudni bu’uura badhaadhina Itiyoophiyaa gara fuulduraati. Hanqina sharafa alaa biyyattii furuuf, akkasumas galteewwan indaastirii kan biyya keessaan bakka buusuuf, damee albuudaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabneedha” jechuun xiyyeeffannoo tarsiimawaa kennan jijjiirama damee kanaa saffisiiseera.

Kanaanis, waggoota shanan keessatti dameen albuudaa bu’aa diinagdee qabatamaa akka argamsiisu taasiseera. Fakkeenyaaf, bara bajataa 2018 xumurame galii al-ergii albuudaa irraa Doolaara biiliyoona 5.7 ol argachuun kan danda’ame bu’aa hojiiwwan damee kana irratti hojjetamaa turanii agarsiisa.

Akka odeeffannoon Ministeera Albuudaa agarsiisutti, galiin kun kan waggoota darbanii waliin yoo madaalamu, guddina galii %92 fi guddina hamma oomishaa %27 qaba.

Galii kana keessaa qooda guddaa kan qabu oomisha warqii yoo ta’u, tumsa dhaabbilee oomishtootaa fi oomishtoota mala aadaan oomishan gidduutti taasifameen, oomishni warqee waggaa waggaadhaan dabalaa dhufeera.

Bara bajataa 2017’ tti galiin Doolaarri biiliyoona 3.5 kan argame yoo ta’u, bara bajataa 2018’tti immoo oomisha warqee tonii 44 oomishuun galii Doolaara biiliyoona 5.65 argamsiiseera.

Warqee tonii 44.067 oomishame keessaa tonii 40.86 kan oomishame oomishtoota mala aadaatiin oomishaniin yoo ta’u, warqeen tonii 3.209 hafes dhaabbileen kan oomishamedha.

Kunis hanga ammaatti oomisha warqee keessatti qooda olaanaa kan qabu oomisha warqee aadaa ta’uu fi qooda oomishaa dhaabbilee daldalaa guddisuuf hojii dabalataa hojjechuun akka barbaachisu agarsiisa.

Kanaafis, mootummaan waggoota shanan darban keessatti hamma oomisha warqee guddisuu fi sadarkaa qulqullinaa isaa dabaluuf dhaabbilee oomisha warqee biyya keessaa fi alaa hedduuf eeyyama oomishaa fi qorannoo sadarkaa olaanaa fi giddugaleessaa kenneera. Haa ta’u malee, dhaabbilee eeyyama argatan keessaa hanga ammaatti kanneen hojii jalqaban muraasa qofa.

Mootummaan dhaabbilee eeyyama fudhatanii sababa gara garaatiin hojii hin jalqabne gara hojii galchuufis qajeelfama cimaa kaa’eera. Kana hordofuun, waggoota dhufan keessatti dhaabbileen oomisha warqee biroon hojii isaanii ni jalqabu jedhameetu amanama.

Keessumaa, bara bajataa 2019 keessa damee kana irraa galii Doolaara biiliyoona 6.7 argamsiisuuf karoorfamuu hordofee, dhaabbileen kunneen hojii isaanii jalqabuutu irraa eegama.

Warqee malees, dhagaa gatii jabeessa, tantaalamii, dhagaa cilee, galteewwan simintoo fi gaaziin uumamaa yeroo ammaa diinagdee biyyattii deeggaruu jalqabaniiru.

Keessumaa oomisha dhagaa cilee yoo ilaalle, oomisha kanaan dura biyya alaa irraa galfamaa ture biyya keessatti oomishuun bakka buusuun danda’amaa jira. Fakkeenyaaf, bara 2010 keessa qoodni gabaa dhagaa cilee biyya keessaa %17 ture; bara 2017’tti gara %75’ tti guddateera.

Kanaanis oomishni simintoo waggaa waggaadhaan dabaluun baroota darban tonii miliyoona 8 irra kan ture gara tonii miliyoona 20’tti guddateera.

Kunis albuudota indaastirii kanneen akka seeraamikii, daawwitii fi sibiilaa waliin walitti dabalamee dameen ijaarsaa fi oomisha galteewwan biyya keessaan akka deeggaramu taasiseera.

Walumaagalatti, waggoota shanan darban keessa mootummaan dameen albuudaa, qonnaatti aanee utubaa diinagdee tarsiimawaa akka ta’uuf bocuun fi invastimantiiwwan gurguddoo hawwachuun, guddina oomisha biyya keessaa keessatti gumaacha olaanaa taasisu jalqabeera.

Karoora Misoomaa Waggoota Kudhanii keessatti qoodni dameen albuudaa oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) keessatti qabu %10 irra akka ga’uuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Dhaabbileen oomisha warqee, pootaashiyeemii fi albuudota biroo irratti eeyyama argatan guutummaatti gara oomishaatti yeroo galan, dameen albuudaa caasaa diinagdee Itiyoophiyaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa ni taphata jedhamee amanama.

Taarikuu Laggasaan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.