Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii dandeettii nageenya biyyaa eegsisuu danda’u ijaareera -Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC)_ Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa nageenyaa fi tasgabbii biyyaalessaa eegsisuuf dandeettii dhaabbilee cimsataniiru jedhan Ajajaa Olaanaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammaallash Gabramikaa’el.
Komishinar Jeneraal Dammallaash kana kan jedhan waltajjii xumuraa komishinaroota Poolisii Federaalaa fi hoggantonni nageenyaa fi tasgabbii dhimmoota biyyaalessaarratti gaggeessaa turan irratti.
Humni nageenyaa biyyatti shira gareewwan shororkeessitootaa fi fiinxaleeyyii keessaa fi alaa qindaa’anii karoorfatan hedduu fashaleessuun, Itiyoophiyaan biyya hin jilbeenfanne ta’uu ishee qabatamaatti mirkaneessiteetti jedhan.
Humni nageenyaa hojmaata qindaawaa diriirseen taateewwan biyyaalessaa, Ardii fi idil addunyaatti gaggeeffaman milkaa’inaan akka xumuraman taasisuu eeraniiru.
Fuuldurattis ayyaanota Bara Haaraa, Masqalaa fi Irreecha, akkasumas sirna mootummaa haaraa hundeessuu waliin walqabatan milkaa’inaan akka xumuraman gochuuf karoorri tarsiimoo ifa ta’e qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.