Fana: At a Speed of Life!

Adwaa irraa hanga Har’aatti: Imala cichoominaa fi gootummaa

Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC)- Imalli seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qabsoo fi cichoomina waggoota dheeraa keessatti kan ijaaramedha.

Raayyaan kun daangaa biyyaa eeguurra darbee yeroo rakkoo fi qormaataa hundatti saffisaan kan qaqqabu; dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyaatiif utubaa ta’uun waggoota hedduu ce’eera.

Kana malees, nageenya ardii fi addunyaa kabachiisuuf gatiin kaffalee fi naamusa ogummaa olaanaa agarsiiseen seenaa cululuqaa galmeesseera. Imalli isaa imala gootummaa, cichoominaa fi jaalala biyyaati.

Bu’uurri Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qabsoo bilisummaati. Bara 1888 A.L.I. wayita lola Adwaa labsiin duulaa labsame, uummanni hundi kaka’umsaafi kutannoon hiriire.

Weerara Xaaliyaanii meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhatee dhufe qolachuudhaanis injifannoo Adwaa labse.

Injifannoon kun birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisuu qofa osoo hin taane, addunyaa guutuu keessatti saboota gurraachaaf mallattoo bilisummaa ta’ee darbeera.

Raayyichi bara mootummaa Hayilee Sillaasee keessa gara humna ammayyaa fi ogummaa irratti hundaa’eetti ce’uun isaa ni beekama.

Humni dhaabbilee leenjii akka Akkaadaamii Waraanaa Harariin jabaate kun bara 1928 A.L.I. wayita weerara Xaaliyaanii lammaffaa dandeettii ofirraa ittisuu fi aadaa biyyaaf wareegamu cimsateera.

Yeroo Somaaliyaan mootummaa Ziyaad Baareen hogganamtu Itiyoophiyaa weeraruuf yaaltettis, gootummaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa fi uummata hundaa seenaa boonsaa kan galmeessedha.

Raayyaan kun humna waraanaa mootummaa abbaa irree Ziyaad Baaree injifachuun injifannoo Kaaramaarraa labse. Kunis qabsoo seenaa qabeessa kabajaafi birmadummaan biyyaa cichoominaan kan ittiin kabachiifamedha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa daangaa biyyaa eeguurra darbee waardiyyaa nageenya addunyaa ta’uun yeroo rakkoo keessatti bakka barbaachisutti argamuun; Kooriyaa, Koongoo, Ruwaandaa, Burundii, Somaaliyaa fi Sudaan keessatti bobba’ee dirqama isaa bahateera.

Dirqama bobba’e kanneenitti naamusa ogummaa olaanaa, gootummaa fi aantummaa uummataaf qabu agarsiisuun sadarkaa idil-addunyaatti kabaja guddaa argateera.

Yeroo ammaa kanas, mootummaa Ida’amuun dandeettii, qophii fi ogummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa guddisuuf hojiiwwan ammayyeessuu fi fooyya’iinsa caasaa irratti xiyyeeffatan raawwatamaniiru.

Raayyichi dhiibbaa siyaasaa fi garee kamirraayyuu bilisa ta’ee, birmadummaa biyyaafi nageenya uummataa cichoominaan akka eeguuf fooyya’iinsi seeraa, hojimaataa fi caasaa taasifamaniiru.

Dabalataanis, leenjii fi barnoota waraanaa raayyichaa beekumsaafi teeknooloojii ammayyaan gahoomsuuf, dandeettii tooftaa waraanaa fi nageenya saayibarii cimsuuf, akkasumas loojistiksii fi dhiyeessii teeknooloojii addunyaan irra ga’e hidhachiisuuf hojjetameera.

Fooyya’iinsa damdaneessa taasifameen, raayyichi yaaddoo balaa nageenyaas ta’e dandeettii biyya diinarraa eeguu bu’uura cimaa irratti ijaaruun, qophaa’ummaa guutuufi dammaqinaan dhaabbatee jira.

Walumaagalatti, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa kaleessaa irraa kaasee hanga har’aatti dhimmi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu akkasumas birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti gahee bakka bu’iinsa hin qabne kan taphate; ibsituu gootummaati.

Raayyichi cichoominaafi duudhaal jaalala biyyaa irratti hundaa’uun, teeknooloojii ammayyaa fi humna namaa gahumsa qabu irratti kan ijaarame yoo ta’u nageenya fi tokkummaa biyyaaf wabii ta’ee itti fufa.

Malkaam Fiqaaduun.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.