Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Diinagdee Saffiisaa, cimaa fi hunda hammataa ta’e ijaaruu itti fufti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 28, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Diinagdee Saffiisaa, cimaa fi hunda hammataa ta’e ijaaruu itti fufti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Dhaabbata liqii bittaa manaa biyya keenyatti isa jalqabaa fi addaa ta’e deebisanii cimsuufi hundeessuuf gargaaru haammattoo walta’iinsa seena qabeessa ta’e har’a Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaafi Korporeeshinii Maallaqaa Idil addunyaa gidduutti mallatteessineerra jedhan.

Daabbanni kun gama Itiyoophiyaatiin Birrii biliyoona 100 fi gama Korporeeshinii Maallaqa Idil addunyaatiin ammoo gumaacha doolaara miliyoona 200 gahuun hundaa’e kun walsimuu dhabuu yaa’a maallaqa callaa damee baankii biyya keenyaatti mul’atu kan furuufi Itiyoophiyaa guutuutti liqii maallaqa bittaa manaa kan argamsiisudha ta’uu ibsaniiru.
.
Michummaan kun tarkaanfii murteessaa manneen miiliyoona 1.5 gatii walsimaa ta’ee fi kabaja Itiyoophiyaanotaaf malan dhiyeessuuf, akkasumas tarkaanfii murteessaa galma sirna maallaqaa keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa babal’isuuf kawwame milkeessuuf gargaara jedhan.

Itiyoophiyaan Diinagdee Saffisaa, cimaa fi hunda hammataa ta’e ijaaruu itti fufti jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.