Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhate kan jajjabbeeffamu- Attaasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa

Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2019(FMC)- Tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa biyya eeguuf fudhate kan jajjabbeeffamuudha jedhan Attaasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa.

Miseensota Attaasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraaf haala waqtaawaa Itiyoophiyaa irratti Beezii Humna Qilleensaa Bishooftuutti ibsi kennameera.

Itiyoophiyaa, Sudaan Kibbaafi Gamtaa Afrikaatti Attaasheen Raayyaa Ittisaa Ingiliz Leetenaal Koloneel Gaarii Woolfeendan daawwannaa taasisaniin, torbanoota sadan darban keessa maal akka raawwatame qabatamaatti argineerra jedhan.

Tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa biyya isaa eeguuf fudhate kan jajjabeeffamu ta’uus ibsaniiru.

Gamtaa Afrikaafi Itiyoophiyaatti Attaasheen loltummaa Raayyaa Ittisaa Awustaraaliyaa Koloneel Kaaran Saach gamasaaniin, tarkaanfiin Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa biyyasaa kabachiisuuf fudhate kan dinqisiifatamudha jedhan.

Gareen seeraan alaa ABUT waraanicha erga eegaleen booda mootummaa Itiyoophiyaarraa keessumaa Ministeera Ittisa Biyyaarraa odeeffannoo sirrii argachuuf eegaa akka turan eeruun, guyyaa har’aa ibsi taasifamuun hubannoo dhimmicharratti qabnu sirreessuuf nu gargaareera kan jedhan ammoo Attaashee loltummaa Raayyaa Ittisaa Baangilaadish Birgaadeer Jeneraal Shariifuul Islaamidha.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa seerotaafi danbiiwwan idil-addunyaa hunda eegaa akka jiru arguu isaaniif gammaduu ibsaniiru.

Attaasheen loltummaa Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Birgaader Jeneraal Roobaa Waariyoo ammoo, akka hawaasa Attaashee loltummaatti Itiyoophiyaa keessatti maaltu gaggeeffamaa akka jiru odeeffannoo waqtaawaa argachuuf carraa kana argachuu keenyatti gammanneerra jedhan.

Biyyoota daangaa qooddannu waan taaneef tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa seera hordofuun fudhate ni hubannas jedhaniiru.

Attaasheen loltummaa Raayyaa Ittisaa Gaaboon Koloneel Ariistiid Angiileet gamasaaniin, dirqamni guddaan raayyaa ittisaa birmadummaafi tokkummaa bulchiinsaa biyyattii eeguu akkasumas nageenya lammiilee biyyattii fi lammiilee alaa biyyattii keessa jiran mirkaneessuu akka ta’e ibsan.

Ibsi kenname odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasummaan tamsa’u qulqulleeffachuufi ejjennoo sirrii Itiyoophiyaa hubachuuf akka gargaareen eeraniiru.

Imabeet Siisayiin.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.