Qulqullina Neetworkii fi tajaajilaa guddisuuf ni hojjetama – Fireehiwoot Taammiruu
Finfinnee, Hagayya 28, 2018 (FMC) – Itiyoo Teeleekoomiin tarsiimoo waggoottan sadan itti aananii keessaa karoora hojii waggaa 2ffaa ifoomseera.
Tarsiimichaan lakkoofsa maamiltootaa guddisuurra darbee quqlullina Neetworkii fi tajaajilaa guddisuuf galmi qabamuu ibsame.
Tarsiimoon dhaabbatichi ifa godhe kun, ‘Digital Ethiopia 2030’ dhugoomsuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, hojiiwwan nama giddugaleessa godhatan bu’uura kan godhaateedha.
Itiyoo Teeleekoomiin lakkoofsa maamiltootaa miiliyoona 90 ture gara miiliyoona 92.3tti guddisuuf karoorfachuu fi qulqullina kenniinsa tajaajilaa hojii ijoo kan godhatu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Dhaabbatichaa Fireehiwoot Taammiruun ibsaniiru.
Maamiltoota Teelee Birrii miiliyoona 60 irraa gara miiliyoona 67tti guddisuuf karoorfamuu kaasan.
Tajaajilotaa fi oomishaalee Teelee Koomii 312 dhiyeessuun galii Birrii biiliyoona 95 argachuuf galmi qabamuu eeran.
Sharafa alaa Doolaara miiliyoona 53 walitti qabuuf karoorfamuu dubbatan.
Lakkoofsa Magaaloota tajaajila dhaloota 4ffaa fayyadamoo ta’anii kuma 1 fi 200 irraa gara kuma 1 fi 500tti guddisuu, kan dhaloota 5ffaa ammoo 33 irraa 73 qaqqabsiisuuf kan hojetamu ta’uu ibsan.
Gandoota baadiyyaa tajaajila Neetwarkii hin qabne fayyadamoo taasisuuf karoorfamuus himaniiru.
Amalawarqi Makuwaaniintiin
#Oromia #Ethiopia