Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Baankii Addunyaatti Biyyoota Afrikaa 22 Bakka Bu’uun Filatamte

Finfinnee, Onkoloolessa 8, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan garee Biyyoota Afrikaa 22 bakka bu’u keessatti bakka buutuu Garee 1ffaa Afrikaa ta’uun filatamte.

Bulchitoonni Baankii Biyyaalessaa biyyoota garee kanaa, obbo Saandokaan Dabbabaa Itiyoophiyaa fi garee kana bakka bu’uun aangoo kana akka qabatan muudama dhiyaate kan mirkaneessan yoo ta’u, hojii isaaniis Sadaasa 1, 2026 irraa eegalee ifatti kan jalqabu ta’uun eerameera.

Gareen tokkoffaan kun Angoolaa, Bootiswaanaa, Burundii, Eertiraa, Eswaatiinii, Itiyoophiyaa, Gaambiyaa, Keeniyaa, Lesootoo, Laayibeeriyaa, Maalaawwii, Moozaambiik, Namiibiyaa, Ruwaandaa, Saa’oo Toomee fi Pirinsiippee, Siisheels, Seeraaliyoon, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Taanzaaniyaa fi Ugaandaa of keessatti kan hammatee dha.

Itiyoophiyaan muudama seenaa Baankii Addunyaa keessatti carraaaangoo hooggansa boordii olaanaa kan argatte yeroo sadaffaaf ta’uun ibsameera.

Obbo Saandokaan Dabbabee qondaaltota Itiyoophiyaa itti gaafatamummaa kana irra turan lamaan, Obbo Bulchaa Dammaqsaa (bara 1972–1974) fi Aaddee Muluu Katamaa (bara 2006–2008) hordofuun nama sadaffaa ta’uun itti gaafatamummaa sadarkaa ardii kana kan fudhatan.

Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa Saahaaraa gadii keessatti biyyoota pirojektootaa fi maallaqa misoomaa Baankii Addunyaa irraa argatan keessaa tokko ta’uun, dameewwan faayinaansii, kallattiiwwan imaammataa fi ajandaalee duraa misoomaa baankichaa irratti gahee olaanaa qabdi.

Itti gaafatamummaan kunis Itiyoophiyaaf adeemsa murtii Baankii Addunyaa keessatti sagalee Afrikaa cimsuuf carraa guddaa kan uumu ta’a.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.