Fana: At a Speed of Life!

Jilli hooggantoota mootummaa olaanoo Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen durfamu Dubaay gale

Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) —Jilli hooggantoota mootummaa olaanoo Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen durfamu yaa’ii idil-addunyaa invastimantii Imereetota Arabaa Gamtoomanii(UAE) keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf har’a galgala Dubaay galeera.

Jilli kun Doobaay yeroo ga’u, qondaaltonni mootummaa olaanoon biyyattii haala ho’aan simatamaniiru.

Yaa’iin invastimantii idil-addunyaa kun boru, Qaammee 2 irraa eegalee hanga Qaammee 4, 2018tti, guyyoota sadiif Wiirtuu Daldalaa Idil-addunyaa Dubaayitti ni gaggeeffama.

Yaa’iin waggaa waggaan gaggeeffamu kun filannoowwan invastimantii babal’isuun, biyyoota gidduutti tumsa fi qindoomina diinagdee cimsuuf gahee olaanaa qaba.

Rakkoolee damee invastimantii keessatti mul’ataniifis furmaata kennuuf kan hojjetu yoo ta’u, Baha Giddugaleessaa keessatti waltajjii invastimantiiwwan guguddoo keessaa tokko ta’ee tajaajilaa jira.

Yaa’icha irratti hoggantoonni biyyoota garaagaraa, hooggantoonni olaanoon dhaabbilee daldalaa fi dhaabbilee idil addunyaa, qopheessitoonni imaammataa, abbootiin hojii, bakka bu’oonni dhaabbilee barnoota olaanaa fi qorannoo, akkasumas ogeeyyii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon irratti argamuun dhimmoota invastimantii fi diinagdee irratti ni mari’atu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.