Fana: At a Speed of Life!

Goobee fi Shinooyyee dhaloota itti aanutti dabarsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Aadde Sa’aadaa Abdurhaaman

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Feestivaala Goobee fi Shinooyyee dhaloota itti aanutti dabarsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurhaaman.

Garee agarsiisa Goobee fi Shinooyyee Godina Shawaa Kaabaaf Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Caffee Oromiyaatti simannaan taasifameera.

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Adde Sa’adaa Abdurhaman wayita kana, Goobee fi Shinooyyeen Ayyaana Ulfoo dargaggoonni fi Shamarran Oromoo barii Birraa taphatan ta’uu kaasaniiru.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Feestivaala Goobee fi Shinooyyee dhaloota itti aanutti dabarsuuf xiyyeeffannoo addaattin hojjecha jira jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziiz Daawud gamasaaniin, Goobee fi Shinooyyee wagga waggaan gara Waajjira Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhufuun taphicha agarsiisuu jalqabuun bu’aa injifannoo argamee ta’uu ibsaniiru.

Finfinneen qe’ee oromoo lafa hoodaa fi wayyoomatti Goobee fi Shinooyyeen deebi’uun injifannoowwan uummatni Oromoo waggoottan darban keessa argate keessaa tokko ta’uus ibsaniiru.

Feenaan Nuguseetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.