Urjii qabsoo fi kudhaama aartii oromoo, Ilfinash Qannoo
Finfinnee, Qaammee 2, 2018(FMC)- Bara Afaan Oromoo dubbachuu fi ittiin hojjechuun rakkisaa turetti sirboota Afaan Oromoon ergaa jaalalaa fi siyaasaa mirgoota uummata Orommoof falman uummataan ga’uun beekamti; Artist Ilfinash Qannoo.
Ilfinash Qannoo Godina Wallaggaa Bahaa, naannoo magaalaa Naqamtee, bakka Sibuu Guutoo jedhamutti akka dhalatte Kitaaba barnoota Afaan Oromoo Kutaa 7 dabalatee ragaleen adda addaa ni mul’isu.
Ijoollummaa ishee irraa kaasee hawaasa yeroo hojii hojjetuu fi waliin dhangaa dhandhamu hawwii kessoo isaa fi jiruu siyaas-dinagdee isaa sirbaa fi geerarsaan ibsatu keessatti guddachuun ishee joollummaa isheerraa kaasee gara aartiitti akka ishee hawwate ragaaleen adda addaa waa’ee ishee irratti barreeffaman ni mul’isu. Kanaaf gaaffii fi deebiin BBC Afaan Oromoo waliin geggeessitee turte ragaa dha.
Aartii akka meeshaa ibsituu eenyummaa, aadaa fi hawwii uummataatti fayyadamuun kan beekamtu Ilfinash Qannoo, sirboonni ishee haala siyaasaa fi hawaasummaa yeroo sanaa irratti yaada cimaa dabarsaa turaniiru.
Hacuuccaa fi dhiittaan mirgaa uummata Oromoo irra ga’aa ture ijoollummaa isheen aartiin qabsoo akka geggeessituuf kan ishee dirqisiise Ilfinash, hojii ishee kanaanis:
– Guddina Afaan fi aadaa Oromoo keessatti gumaacha olaanaa gumaachiteetti;
– Uummata Oromoo walitti fiduu fi tokkummaa cimsuu keessatti gahee ishee ba’atteetti;
– Haala rakkisaa keessatti dubartoonni aartii keessatti hirmaachuu akka danda’anis qabatamaan agarsiisteetti.
Hojiiwwan aartii dhuunfaa fi gareen hojjechuun kan yaadatamtu kudhaamni aartii Oromoo kun dhuunfaatti sirboota qlnamoota 10 ol qabaachuu ishee BBC Afaan Oromoo waliin gaaffii fi deebii geggeessitee turteen dubbatteetti.
Sababa qabsoo ishee kanaanis bara Sirna Dargii irraa eegalee hidhamuu , dhiittaan mirgaa fi ari’atamni guddaan irra ga’eera.
Yeroo sana mootummaa Dargiin magaalaa Naqamtee irraa ari’amtee gara Finfinneetti dhufuun hojii sirbaa fi aartii itti fufuuf dirqamtee turte.
Jireenyi ishee yeroo sanaa salphaa akka hin turre fi mana hidhaa keessatti dararamaa turuu, miidhaan qaamaa irra ga’uu fi yeroo irraa yerootti mirgi ishee sarbamuu himteetti.
Ari’atamaa fi hidhaa cimaa irra ga’aa ture dandamachuunis rakkoo hawaasaa, aartii fi sirbaan ibsuu cimsitee itti fufte.
Hojii aartiin ishee rakkoo hawaasaa, eenyummaa, tokkummaa fi hawwii uummataa irratti xiyyeeffatu kanaanis dhaloota ishee qofa osoo hin taane dhaloota itti aanu irratti dhiibbaa uumuu dandeesseetti.
Gootittiin qabsooftuun intala Oromoo, rakkoo yeroo san irra ga’aa ture sana jalaa baatee walabummaan qabsoo akka itti fuftuuf aartistoota Oromoo biroo waliin gara biyya alaatti ba’uun biyya Noorweey, magaalaa Bargen keessa waggoota dheeraaf akka jiraatte ragaaleen ni mul’isu.
Jijjirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufe hordofees, gara biyyaatti asi deebi’uun jiraachuu eegaltus dhibee ishee mudateen manneen yaalaa adda addaa kannen akka Hospitaala Kooriyaatti yaalamaa turteetti.
Yeroo umuriin ishee dabalaa fi fayyaan ishee laafaa dhufetti illee, Ilfinash Qannoo hawaasa irraa adda hin baanne. Miilaan ofi dandeessee socho’uu dadhabdus uumata ishee irraa akka hinfagaanneef waltajjiiwwan adda addaa irratti baatamtee dhiyaachuun hanga hafuurri keessa jirutti cichoomina qabsoo Oromoof qabdu mul’isteetti.
Kunis akka artistii qofaatti osoo hin taane, seenaa fi aartii Oromoo keessatti bakka addaa qabduun uummata biratti hangam akka jaal’atamtu mul’isa.
Haati ijoollee lamaa qabsooftuu Ilfinash Qannoo gidiraa ari’atamaa, hidhaafi dhukkubaan wal’aansoo qabaa hanga dhumaatti gumaacha irraa eegamu uummata isheef gumaachaa turtus, dhibee ishee mudateen Qaammee 1, 2018 Finfinneetti du’aan boqotteetti.
Albamoota, sirboota, geerarsaa fi yaadannoo qabsoo dhalootaaf keessee darbiteetti.
Isheen lubbuudhaan dabartus aartii fi qabsoo Oromoo keessatti hojii waggoota dheeraaf hojjetteen dhalootaaf fakkeenya taateetti.
Maati, aartistootaa fi jaal’attoota isheef jajjabina, lubbuu isheef ammoo boqonnaa!
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia