Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Cichoominaa akka naanoo Oromiyaatti sagantaalee adda addaa kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC) – Guyyaan Cichoominaa akka naanoo Oromiyaatti magaalaa Bishooftuu Istaadiyeemii Bishooftuutti sirna adda addaa fi agarsiisa Raayyaa Ittisa Biyyaan kabajamaa jira.

Guyyoonni Qaammee waggaa waggaan Itiyoophiyaa keessatti kabajaman, duudhaalee biyyaalessaa fi ummataa adda addaa, akkasumas imala ciminaa fi guddinaa ishee yaadachuu fi itti fufsiisuuf kan kabajamanidha.

Guyyaan Cichoominaa akka naannoo Oromiyaatti Istaadiyeemii Bishooftuutti kabajamaa jiru kun imala naannichi gara nageenyaa fi bulchiinsa gaarii, tokkummaa ummataa, cimina misoomaa kan calaqqisiisu ta’uus hubatameera.

Sirna kana irratti Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa , Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Geezaalii Abbaasimalii fi Kantiibaa Magaalaan Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo mootummaa naannoo fi jiraattonni magaalichaa argamaniiru.

Sagantaa kabaja Guyyaa Cichoominaa kana irratti agarsiisni Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Poolisiin Oromiyaa dhiyeessan ayyaanichaaf simboo addaa ta’uu ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.