Buufata Egeree Itiyoophiyaa Labsu
Buufata Egeree Itiyoophiyaa Labsu
Finfinnee, Qaammee 5, 2018 (FMC) – Har’i guyyaa dhumaa waggichaa ti.
Aduun yoo dhiitu waggaan kun nagaa nutti dhaama. Boru ammoo aduu haaraan abdii haaraa qabattee dhalatti. Itiyoophiyaanis guyyaa kana akka labsituu ifa ishee boruutti fudhatti.
Guuyyaa ifa egeree, bu’uura cimaa fi teeknooloojii ammayyaa irratti ijaarame.
Finfinneerraa kiiloo meetira 73 kan fagaatu Giddugalli Lojiistiksii Moojoos, kana kan labsuudha.
Bakki kun hidda dhiigaa diinagdee Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, agarsiistuu Itiyoophiyaa dijitaalaa boruus ta’eera.
Giddugalli kun karra seensaa irraa eegalee teeknooloojii waliin walitti hidhameera. Sirni seensaa ofumaan hojjetu sadarkaa sadii qabu, konkolaattota daqiiqaa muraasa keessatti gara hojiitti bobbaasa.
Kireeniin ‘Rail Mounted Gantry (RMG)’ jedhamu yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti ijaarame, kireenii ‘RTG’ ulfaatina toonii 20 hanga 40 baachuu danda’u waliin qindaa’ee, konteenaroota hanga ja’aa walirra tuulee qabata.
Giddugalli kun konteenaroota hanga meetira ja’aa dheeratan miliyoona tokko qabachuu danda’a.
Kireenota gurguddoo kana kan dhaaban ogeeyyii Itiyoophiyaa mataa isaaniiti. Kunis ce’umsa teeknooloojii qofa osoo hin taane, ce’umsa dandeettii fi ogummaatiif balbala baneera.
Karra seensaa irraa hanga kuusaa meeshaaleetti sochiin hundi, teeknooloojii giddugala to’annoo nageenyaa keessatti argamuun hordofama.
Kutaan sarvarii ammayyaa, damee lojiistikii durian haala bittinnaa’een hojjetamaa ture gara sirna dijitaalaa waraqaa irraa bilisa ta’etti jijjiireera.
Giddugalli kun dhiyeessii humnaa fi sirna ittisa balaa ibiddaa kan mataa isaa waan qabuuf, haala kamiiniyyuu hojiiwwan isaa osoo addaan hin kutin itti fufuu danda’a.
Kun hundi waan tokko agarsiisa; Itiyoophiyaan egeree ishee kattaa jabaa qofarratti osoo hin taane, bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa irrattis ijaaraa jirti.
Giddugalli kun teeknooloojii fi ammayyummaa hidhatee dhaabbate, lojiistikii Itiyoophiyaa boruuf misiraachoo guddaadha. Badhaadhinni Itiyoophiyaas akka hin oolle labsa.
Aduun har’a lixxi; boru garuu ifa haaraa fi teeknooloojii haaraan bariiti.
Daldalli Itiyoophiyaas, baha aduu irraa kaasee hanga lixa aduutti, hin dhaabbatu.
Afawarqi Iyyaayyuutiin
#Oromia #Ethiopia