Tajaajila saffisaa kennuun bu’a qabeessummaa hojii Mootummaa guddisa – Obbo Ahimad Hajjii
Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Karoora Of danda’uu bara 2019–2023 milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhan Bulchaan Godina Kibba Oromiyaa Obbo Ahimad Hajjiin.
Obbo Ahimad gamaaggama raawwii hojii Paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana jalqabaa bara 2019 irratti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee yaada kennaniin Karoora Of Danda’uu bara 2019–2023 milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.
Karoorri kun karoora hiixataafi ummata Oromoo biratti hiika guddaa qabu ta’uu ibsuun, fedhii ummatni Oromoo misoomaafi jijjiirama diinagdeef qabu dhugoomsuuf carraa bal’aa kan uumu ta’uu kaasan.
Gurmaa’iinsa haaraa diriire karoora Of Danda’uu milkeessuufi tajaajila mootummaa ummataaf dhiyeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbatan.
Keessumaa, tajaajila saffisaa uummataaf kennuun bu’a qabeessummaa hojii mootummaa guddisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsan.
Godinni Kibba Oromiyaa qabeenya uumamaafi diinagdee karoora kana milkeessuuf gargaaru hedduu akka qabu Obbo Ahimad himaniiru.
Qabeenya godinichaa sirnaan fayyadamuun oomisha dabaluun, carraa hojii bal’isuun, galii uummataafi mootummaa guddisuun diinagdee Oromiyaafi biyyaa utubuuf xiiqiin ni hojjetamas jechuu isaanii OBN gabaaseera.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa