Muddama Ji’oopolatiksii tasgabbeessuuf tumsi biyyoota miseensa BRICS cimuu qaba- Naareendiraa Moodii
Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC)- Muddama Ji’oopolatiksii tasgabbeessuuf tumsi biyyoota miseensa BRICS cimuu qaba jedhan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin.
Naareendiraa Moodiin Yaa’ii Hoggantootaa BRICS 18ffaa irratti haasawa taasisaniin, muddamni ji’oopolatiksii addunyaa biyyoota guddachaa jiran irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu kaasanii, dhiibbaa kana furuuf biyyoonni miseensa BRICS tumsa isaanii cimsuu qabu jedhan.
Dhibeewwan weeraraa yeroo yerootti mudatan, jijjiiramni qabeenya qilleensaafi waraanni baha giddugaleessaa dhiyeessii danquun addunyaaf qormaata ta’uu ibsaniiru.
Dhiibbaawwan idil-addunyaa ittisuuf biyyoonni miseensaa dandeettii ofii fi kalaqa guddisuun misooma waaraa irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Ji’oopolatiksii addunyaa keessatti teeknooloojiifi qabeenya albuudaa baay’ee murteessaa ta’an akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun guddina waloo kan gufachiisu ta’uus akeekkachiisaniiru.
Hindi mul’ata biyyoota miseensa BRICS akka qooddattu kaasanii, dhiibbaawwan idil-addunyaaf furmaata waloo kennuuf qooda ishee kan bahattu ta’uus mirkaneessaniiru.
Miikiyaas Ayyalaan.