Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa – Falmituu Cimtuu Afrikaa

Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan seenaa dipilomaasii ishee keessatti sagalee waloo Afrikaa dhageessisuu fi faayidaa ardichaa kabachiisuuf falmuu irraa boodatti jettee hinbeektu.

Wayita Afrikaanonni kolonummaa jalaa bilisa ba’uuf qabsoo geggeessantti Itiyoophiyaan qabsoo sana keessatti hiriyaa dhugaa turte.

Biyyoonni Afrikaa tokkummaa isaanii cimsatanii sagalee isaanii akka dhageessisan, Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa jalatti walitti qabuudhaan seenaa ifaa galmeessiteetti.

Mootummaan Ida’amuu, karaa dipilomaasii biyyoota hedduu hirmaachisuun gahee seenaa kana caalaatti mul’isuun, har’as Itiyoophiyaan mirgaa fi faayidaa Afrikaa fi Afrikaanotaa irratti waltajjiiwwan addunyaa isheen argamtu hunda irratti sagalee Afrikaa taatee itti fufuu ibsameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Hindii Niwuu Deelhii keessatti waltajjii 18ffaa BRIIKS irratti haasaa taasisaniin, bakka bu’ummaa haqa qabeessaa fi fayyadamummaa Afrikaa irratti cimsanii falmaniiru.

Ministirri Muummee haasaa isaanii keessatti, Afrikaaf Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa jiraachuu irraa kaasee, sirna faayinaansii idil-addunyaa Afrikaa irratti xiyyeeffatu diriirsuutti, dhimmoota ijoo fi jajjaboo kaasaniin Itiyoophiyaan gahee seenaa ishee cimsattee itti fufuu mirkaneessaniiru.

Isaanis, haaromsa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti Afrikaaf bakka bu’ummaa dhaabbataa akka jiraatu ilaalchisee, ejjennoo waliinii Gamtaa Afrikaatiin qabame akka qooddatan ibsanii; BRIIKS gaaffii Afrikaa bakka bu’ummaa haqa qabeessaa argachuuf qabdu akka deeggaru cimsanii gaafatan.

Afrikaan misooma anniisaa, qonna, industirii fi daldala naannawaa keessatti carraawwan murteessoo akka qabdu eeruun, ardichi bu’uuraalee misoomaa bal’aa akka barbaadu waltajjicharratti fedhii Afrikaa dhageessisaniiru.

Baankii Misoomaa Haaraa BRIIKS Afrikaa keessatti hirmaannaa bal’aa taasisuu akka qabu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, kaka’umsi kun misooma Afrikaa deeggaru akka dhugoomuuf Finfinneen, magaalaa guddittii ardichaa taatee, baankiichaaf giddugala mijataa ta’uu akka dandeessu mirkaneessaniiru.

Kaleessaa irraa eegalee hanga har’aatti waltajjii addunyaa irratti sagalee Afrikaa ta’uun kan ishee ibsu Itiyoophiyaan, karaa qajeelfama dipilomaasii Mootummaa Ida’amuutiin naannawaa walitti hidhuuf tattaaffii taasisaa jirti.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putin fi Ministirri Muummee Hindii Narendra Modi, waltajjii BRIIKS kana irratti, hariiroo isaanii Afrikaa waliin qaban cimsuuf Itiyoophiyaan hiriyaa ijoo ta’uu ishee ragaa bahuun, gahee ardawaa Itiyoophiyaan qabduuf beekamtii kennuu isaanii agarsiiseera.

Hayilemaariyaam Taganyiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.