Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Guddaan Irreechaa gaggeeffamuufi

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC)- Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun Fulbaana 21, 2019 magaalaa Bishooftuutti fiigichi guddaan daandiirraa kiiloomeetira 10 ni gaggeeffama.
 
Fiigicha guddaa mul’iftuu aadaa fi Ispoortii kanarratti Ispoorteessitoonni, jaallattonni aadaa fi ummanni kan hirmaatan ta’uun ibsameera.
 
Fiigicha kana sababeeffachuun ibsa kan kennan Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa, fiigichi guddaan Irreechaa bara 2012 Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu yaadachiisuun, sababoota garaagaraan addaan citu dubbataniiru.
 
Bara kana marsaa 2ffaan magaalaa Bishooftuutti kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.
 
Dorgommicharratti namoonni kuma 50 ol akka hirmaataniif qophiin taasifamuu himaniiru.
 
Dorgommicharratti Atileettonni bebekamoon, Kilaboonni Atileetksii kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommichaaf badhaasni qophaa’uu ibsaniiru.
 
Fiigicha kanaan Badhaasni guddaan kan kennamu yoo ta’u,
1ffaa kan baheef Birrii Miiliyoona 1, 2ffaa kuma 700 fi kuma 50, 3ffaaf Birrii Kuma 500, 4ffaaf Birrii kuma 300 fi kuma 50, 5ffaaf Birrii kuma 200 fi kumni 50 akaksumas sadarkaa 6ffaaf Badhaasni Birrii kuma 100 kan kennamu ta’uu eerameera.
 
Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alammayyoo Asaffaa gamasaaniin, magaalaan Bishooftuu saganticha keessummeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Atileet Xurunash Dibaabaa dabalatee Maatiin Dibaabaa Ambaasaaddaroota dorgommichaa ta’uun ibsicharratti filatamaniiru.
 
Siifan Mokooniintu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.