Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Tokkummaa, Araaraa fi Nageenyaa – ‘Yaahoodee’

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Ayyaanni jijjiirraa baraa Hadiyyaa ‘Yaahoodeen’ warri gargar fagaatanii jiraatan walitti dhufanii kan kabajanii fi kan wal lole walitti araaramu, haalloon kan itti dhiifamu ayyaana dirree iddoo guddaa qabuu dha.

Yaahoodeen dudhaa walgargaarsaa fi deggersaatu ittiin mul’ata; duumessi gannaa darbee waggaa moofaa geggeessuun haaraatu ittiin simatama, ifa bara haaraatu itti abdatama.

Qabeenyi aadaa guddaan kanaan waggaa haaraatti kaka’usa olaanaan misoomaa fi nageenya irratti hirmaachuuf itti karoorfama.

Ayyaanichi kan jaalalaa, dhiifamaa fi waliiyaaduu ta’uu isaatiin eebbaa fi hawwii gaarii jaarsoliin eegalamee sagantaa garaagaraa fi shubbisa aadaa dargaggootaan dabaalamee kabajama.

Kanaanis dhalooti haaraan aadaa isaa akka beekuuf barsiisa; dhalootaa dhalootatti dabarsa.

Shubbisii Yaahoodee dargaggoonni kan ittiin jaarsolii eebbisani ta’uun ammoo miidhagina addaa isaati.

Yaahoodeen ijaarsa nageenyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu isaanis ni beekama.

Sirnoonni aadaa ayyaanicha irratti raawwataman hunduu hawwii gaarii fi abdii hojjetanii badhaadhuu kan labsanii dha.

Ayyaanni Yaahoodee baranaa Fulbaana 12, 2019 sirna garaagaraan kabajuuf qophiin xumuramuu Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Giddugala Itiyoophiyaa Saamu’eel Mangashaa Faanaa Dijiitaalitti himaniiru.

Dhalattoonni Hadiyyaa biyya keessaa fi ala jiraatan uummatoota biroo wajiin gaafas achitti walga’u.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.