Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 9.6 ol midhaan gosa adda addaan uwwifame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa kana hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 9.6 ol midhaan gosa adda addaan uwwifameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hiyyummaafi boodatti hafummaa injifachuun, badhaadhina itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf misooma qonnaatiif xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira.

Qonna naannichaa aadaarraa gara qonna ammayyaatti ceesisuun, oomishaafi oomishtummaa guddisee wabii nyaataa mirkaneessuu, Alergii guddisuu, Oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuufi carraa hojii bal’aa uumuun galmoota ijoodha mootummaa naannichaati.

Kana milkeessuuf qonna gateettii qotiyoorraa gara tiraakteraafi maashinoota ammayyaatti, rooba qofa eeggachuurraa gara jallisiifi bulchiinsa bishaaniitti, akkasumas oomisha jireenyaaf oolurraa gara oomisha gabaa fi agro-prosessingitti ceesisuun hojiirra oolaa jira.

Bara oomishaa kanattis Qonna Gannaatiin lafa hektaara miliyoona 11.17 ol misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hektaarri miliyoona 10.97 ol qophaa’ee, hektaarri miliyoona 9.6 ol midhaan gosa adda addaatiin uwwifameera.

Kana keessaa lafti hektaarri miliyoona 7.5 kilaastaraan kan misoome yoo ta’u kanaafis xaa’oon kuntaalli miliyoona 7.7 ol hojiirra ooluu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.