Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Gadaa taaksiin dura Birrii biiliyoona 1.5 bu’aa argate

Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) – Baankiin Gadaa bara baajataa darbe keessa taaksiin dura Birrii biiliyoona 1.5 bu’aa argadhe jedhe.

Baankichi Yaa’ii Waliigalaa idilee 5ffaa Abbootii Aksiyoonaa gaggeessera.

Baankiin Gadaa uwwisa isaa bal’isuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa turuu Hojii Raawwachiisaa Olaanan Baankichaa obbo Waldaa Bultoon himaniiru.

Bara kana Taaksiin dura Birrii biiliyoona 1.5 argachuu dubbatan.

Baankichi waliigala galii Birrii biiliyoona 2.69 kan argate yoo ta’u, kana keessaa % 56 tajaajila baankii dhalarraa bilisaan kan argame ta’uu ibsan.

Qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii biiliyoona 16 qaqqabuu fi Kaappitaalli kaffalame Birrii biiliyoona 1.65 ta’uu ibsan Obbo Waldeen.

Salamoon Yitaayewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.